Mootummaan Awutraaliyaa fii Kanadaa lammiileen isaanii akka biyya Itoophiyaa hin dhayne hubachiisan.

Mootummaan Awustralia balaa guyyoota 15 dura naannoo gaambeellaatti jiraattota 208 oli ajjeeftee joollee fii dubartoota 108 butanii irraa kan ka’een lammiileen isaanii akka biyya Itoophiyaatti hin imalle beeysisa baasan.
Ministeerri haajaa alaa fii ministeerri daldala biyya awustiraaliyaa beessisa baasaniin namoonni biyya Itoophiyaatti emalan osoo hin deemne dura barbaachisummaa fii haala imaltuu isaanii sirritti qorachuu akka irraa eeggamu hubachiisan.
Murni Alshabaab biyya Itoophiyaa keeysatti bakkee gara garaatti bakkee seenaa qabduufii bakkee lammiileen biyya alaa keeysa sossoohan irratti balaa buusuuf akka saganteeffatan odeeffannoon isaan gahuu ministeerri haajaa alaa fii daldalaa beeysisan.
Naannoo finfinnee bakkee gara garaatti rakkooleen uumamuun waan maluuf lammiileen Awustiraaliyaa akka biyya Itoophiyaatti hin imaltooyne labsa guyyaa kamisaa baasanirratti hubachiisan.

Haaluma kanaan mormiin sababaa Maastar pilaaniitiin naannoo Oromiyaa keessaati geggeeyfamaa turte fuula duraas hatattamaan deebitee belbeluun waan maluuf lammiileen Awustraaliyaa naannoo Oromiyaa akka hin dhayne ministeerri haajaa alaa fii daldala Awustraaliyaa kun ibsan.
Keessattuu magaalaa Finfinnee naannoo maarkaatoo ja’amtu fii bulchinsa naannoo Soomaalee ,naannawa daangaa ertiraafii Suudaanii , naannawa daanga keeniyaa fii Suudaan kibbaa, naannoo Gaambeellaa ,Affaar rakkooleen nagayaa dhabuu waan jirtuuf lammiileen Awustiraaliyaa akka hin dhayne ministeeronni hubachiisan.

Akkasumatti mootummaan Kanadaa tiis daangaalee biyya Ertiriya , keeniyaa , Suudaan kibbaa lammiileen biyya Kanadaa akka hin dhayne lammiilee Kanadaa hubachiisaa naannoo gaambeella fii naannoo Oromiyaa keessattuu godinaa Amboo akka hin dhayne lammii isaaniitiif dhaaman.