Mootummaa Waayyaannee Hogganaan Olaanaan Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen fedhiin harka kennatan jechaa jira.

Hogganaan Olaanaan Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen Abdulkariim Sheek muussee deeggarsa Pirezedaantii fi Ministiira muummee Sumaaliiyaatiin ukkamsamanii mootummaa Itoophiyaa dabarfamanii akka kennaman ragaaleen mul’isaniiru.
Mootummaa Itoophiyaa hogganaan Addichaa fedhiin harka kennatan jechun ololaa siyaasaaf itti fayyadamuu akka danda’u xinxalatoonni siyaasa dursaanii yaada kennaa turaniiru.
Hogganaan Adda bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen Abdulkariim Sheek Muussee waggoota sadeen darbaniif magaala Moqaadishoo jiraacha akka turan himameera.
Maatii isaanii gaaffachuuf magaala Moqaadishoo imltummaa wayita jalqaban tikoota mootummaa Sumaliiyaan qabamanii mootummaa Itoophiyaaf dabarfamanii akka kennaman addichi beeksiseera.
Dubbii himaan Adda Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen Obboo Hasaan Abdulahii mootummaa Itoophiyaa Obboo Abdulkariim Sheek Muussee fedhii isaaniitiin harka kennatan jechuf qophiirra akka jiru durasanii dubbatan ture.
Ministeerri Dhimmaa Alaa Itoophiyaa toora weebsaayiitii isaatiin , miidiyaaleen mootummaa fi paartii obboo Abdulkariim Sheek Muussee fedhii isaaniitiin dhaabbaticha gadi dhiisanii mootummaa Itoophiyaatti harka kennatan jechun gabaasaniiru
Ibsa Mootummaa Itoophiyaa kana booda Addi Bilisummaa Biyyaaleessa Ogadeen garaa dubbi himaa fi weebsayiitii dhaabbatichaan viidiyoo obboo Abdulkariim Sheek Muussee humanan ukkamsamanii wayita fudhataman agarsiisu tamsaseera.
Mootummaan Itoophiyaa fedhii isaaniitiin gara biyyaatti deebi’aan kan ittin jedhe hoggansi dhaabbatichaa obboo Abdulkriim Sheek Muussee miilliisaanii walitti hidhamee akka mul’atan viidiyoo kanarra hubatameera.
Kana malees,Pooliisoonni komandoo mootummaa waayyaannee lamaan wayita eegamaniis argun danda’ameera.