Mootummaa Itoophiyaa Toora Interneetii waan Cufeef Hoteeloonnii fi Dhaabbileen Daladala kisaaraaf saxilamuu isaanii gabasamaa jira

Mootummaan Itoophiyaa mormii Ummaanni gaafii Haqaa , Dimokraasii fi walqixxummaa kaasee ukkamsuuf jecha guutuu biyyaatti toora interneetii fi miidiyaalee hawaasummaa cufuun isaa ni beekama . Gochaa mootummaa abba irree waayyannee sagalee ummataa ukkamsuuf jecha toora Interneetii cufee kana wajjiin walqabatee dhaabbilee daldalaa fi Hoteeloonni baay’een kisaaraaf saaxilamaa akka jiran dubbachaa jiru.
Hoteeloonni magaalaa Finfinnee keessa jiran irra caalii duraanii maaltoota isaanii gara toora interneetii qunnamuun tajaajila saffiisa kennuun bu’aa argachaa turaniiru. amma garuu mootummaa tajaajila interneetii waan cufeef kisaaraa hin barbachisneef saaxilamaa waan jiraniif mootummaa taaksii akka isaaniif hir’isuu gaafachuu isaanii himameera.
Itoophiyaatti mormii ummataatiin tasgabbiin nageenya waan hin jireef akkasumas labsii hatattamaa mootummaan labsee wajjin walqabatee turistoonni biyyoota Ameriikaa fi Awuroppaa Itophiyaa dawwaachuuf karoorfatan baay’een karoora isaanii haquuf dirqamaniiru. hoteeloonnii fi dhaabbilee hojii Turstoota daawwachisuu irratti bobba’an sababa cufamuu Interneetii rakkoo hamaaf saaxilama jiru.
Komishiiniin Turziimii Itoophiyaa biyyaatti keessatti tasgabbiin nageenya amansiisaan waan hin jireef lakkofsi tursitoota biyyaatti daawwatanii haala nama dinqisiisuun xiqqate torbee darbee mirkaneeseera.
Akka gabaasa barruulee adda adda biyyaa Ingliizziitti maxxanfamanii mirkaneessanitti laammileen biyyaatti baay’ee itophiyaa daawwachuuf karoorfatan baay’ee torbeewwan darban keessa imaltummaa isaanii haqaniiruu.
Mormiim Ummataa kana wajjin walqabatee akkasumas Labsii yeroo hatattama labsameen, Itoophiyaa sharafa biyyaa alaa Damee turiziimii irra argachuuf maltu akka malee kan midhee ta’uu dhaabbileen gara gara gabaasa jiru.