Mootummaa Itoophiyaa hanqina dhiyeessi Faayinansii fi Liqii isa mudatee wajjiin walqabatee daandii baaburaa gara fulduraatti ijaaraman kampaanoota biyyoota alaaf akka kennaman murteesseera.

Haaluma kanaan ijaarsi fi bulchiinsi daandii Baaburaa Mojoo-Hawaasa -Arbaaminic Mooyalee Kampaanota biyyaa alaaf akka kennamuuf sanadiin waliigaltee akka mallateeffame himameera.
Korporeshiiniin Daandii Baabura Itoophiyaa Daandii baaburaa ijaarsisuuf maallaqni liqii qaamolee gara garaa irra fudhachaa ture gara qarshii biiliyoona 100 fi biiliyoona 10 gahu gabaasaa mana marii bakka bu’oota ummataaf dhiyeesseen beeksiseera.
Ijaarsa Daandii baaburaa karoora Guddinaa fi Tiransformeshiinii marsaa lammaffaa keessa ni ijaaramu jedhamanii karoorfaman keessaa ijaarsi isaa kan jalqabame Awaashii hanga Waldiyaa, Waldiyaa hanga Maqalee kan jiru qofa jedhameera.
Hojii Ijaarsa Pirojektoota hafan jalqabuuf hanqina faayinanasii fi dhiyeessi liqii waan jiruuf yaada furmaata biroo barbaaduuf akka dirqame Korporeshiiniichi beeksiseera
Haaluma kanaan Kampanoonni biyyoota alaa Ijaarsa daandii Baabura Mojoo hanga Mooyyalee jiru akka ijaaranii fi bulchaan waliigalteen akka mallatteeffame hogganaan Korporeshiinii Daandii Baaburaa Itoophiyaa Dr Batiruun himaniiru.
Dr Batiruun maqaa kampaaniichaa ibsuu baataniis daandii baaburaa kana erga xumuree booda hanga baasii isaa deebifatutti mirga daandiichaa bulchuus ni qaba jedhaniiru.
Kaampaaniichi fedhii kan qabu yoo ta’e immo daandii kana mootumaatti kireessuuf aangoo akka qabuus himameera .
Waliigalaatti daandii baaburaa mootummaan ijaaruuf karoorfattee ture baay’een gara kampaanoota dhunfaatiin akka ijaaramaniif dabarsaa jira jedhameera.
Mootummaan ijaarsa daandii baaburaa kampaanoota dhunfaaf kennuun filannoo waan dhabeef dirqame akka ta’e keessa beektonni himaniiru.
Daandiin baaburaa kampaanoota alaatiin ijaarameefi buluu qaala’insa gatii fi kaffaltii geejjibaa akka dabalu ni gumaachaa jedhameera.