Mooqaadishootti Balaa mana nyaataa tokko irra gaheen namoonni 18 du’an.

Magaala Guddoo Somaaliyaa Mooqaadishootti balaa balleessanii baduu gaafa guyyaa Roobii galgala raawwatameen lubbuun namoota 18 akka galafatame gabaasameera..
Hidhattoonni Konkolaataa boombiin irratti kiyyeeffameen karra hoteela Poosh jedhamu humnaan erga bansiisaanii booda rmana nyaataa piizaa tokkorratti irratti balaa akka raawwatan himameera.
Manni Nyaataa Piizaa kun dargaggoota Somaaliyaa biraatti jaalatama guddaa akka qabu himameer.
Hidhattoonni balaa kana raawwatan Uffata Pooliisii Soomaaliyaa akka uffatan ragaaleen ni mul’isu.
Yaa ta’u, malee uffata pooliisii uffachuu isaanii ragaa qabataman mirkaneeffachuun akka hin danda’amne BBC gabaaseera.
Hidhattoonni kunniin mana nyaataa keessaatti namoota 20 ugguranii qabatanii akka ture gabaafameera.
Namoota ugguraman gadhiisisuu fi shororkeessitootas gamoo qabatan keessaa baasuuf Pooliisiin biyyaattii tarkaniiffii fudhateen sagaaleen dhukaasaa dhaga’amaa akka ture jirattoonni himaniiru
Somaliyaa nageenyaa fi tasgabbii erga dhabdee waggoota heddu ta’uus erga baatiin Ramadaan jalqabee asi haleellaan lubbuu namoota baay’ee galfaate kun yoo qaqqabu kan jalqabaatti jedhameera.
Haleellaa kana Gareen Shororkeessaa Al-Shabaab akka raawwate beeksiseera.
Loltoonni Gamtaa Afriikaa garee Shororkeessaa Al-Shabaab kana akka lakkofsa warra faranjoota bara 2011 magaala Mooqaadiishoo keessaa baasaaniis gariichi kutaaleen biyyaatti irra caalaa akkuma to’aateetti jira.
Somaaliyaan akka lakkofsa warra faranjootaa bara 1991 jalqabdee mootummaa giddugaleessaa cimaa dhabuun garee hidhattootan unkuramaa akka jirtu kan yaadatamudha.