Misoomni Naannoo Amaaraa hanqina dhiyeessi Humna Ibsaa wajjiin walqabatee duubaatti akka hafe gabaafameera.

Naannoo Amaaraatti pirojektoonni birri biiliyoona 6 fi miiliyoonni 9 ijaaraman 197 sababa hanqina dhiyeessi humna ibsaa wajjiin walqabatee hojii jalqabuu akka hin dandeenye himameera.
Pirojektoonni kunniin osoo hojii jalqabanii namoota kuma 18 oliif carraa hojii akka uumaan Komishiniin Invastimantii naannoo Amaaraa beeksiseera.
Komishinichaatti Abbaan Adeemsa hojii Poromoshiinii fi Qunnamitti Ummataa obboo Yiheeneew Alam gaazexxaa Ripportaaritti akka himanitti, hanqinni dhiyeesa humna ibsaa misoomaa naanniichaa dubaatti hambiseera.
Koorporeshiiniin Humna Ibsaa Itoophiyaa gamasatiin, hojiiileen babal’isuu buufatalee humna ibsaa bu’a qabeessa ta’an akka ijaaraman beeksiseera.
Hoggantuun Koorporeshiinii Humna Ibsaa Itoophiyaa Injinaar Azeeb fi qondaltoonni biroo rakkoon hanqina dhiyeesa Humna Ibsaa akka jiru waltajjii naannoo Amaaraatti gaggeeffamee irratti dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Naannoo Amaaraatti abbootiin qabeenyaa baay’een eyyama Invastimantii fudhataniis hanqina humna ibsaa, rakkoo lafaa,tajaajila liqaa dhabuu akkasumas hanqina hordoffii fi deeggarsan gara hojii seenuu hin dandeenye jedhameera.
Lafa Invastimantiif fudhatan dallaa itti ijaaran dhiisuu fi karoora qabatamaa dhiyeessu dhabuu immoo rakkoolee gurguddoo gama invastarootan mul’atu akka ta’e Komishiiniin Invastimantii Naanniichaa beeksiseera.
Humni ibsaa naannoo Amaaraa keessa madduu humna ibsaa biyyaattiin waliigalaa keessa dhibbeenta 43 akka ta’u ragaaleen ni mul’isu.
Yaa ta’u malee sababa hanqina humna ibsaatiin warshaaleen ijaaramu dhabuu fi kan ijaaramaniis tajaajila kennuu dhabuun qabeenyi biyyaatti bifa haqa qabuun walgahaa akka hin jire mul’isa jechun jirattoonni naanniichaan komataniiru