Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kumatamatti lakkawaman gara daangaa Sumaliiyaa seenuu isaanii himameera.

Loltoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa gara daangaa Sumaliiyaa seenaan kunniin garee riphe-loltoota Al-Shabaab irratti lola banuu isaanii dhaga’ameera.
Gareen Riphe loltoota Al-Shabaab boombii tibbaa darbee magaala moqadishootti dhooseen lubbuu lammiilee Sumaliiyaa nagaa 300 ol galaafachun ni yaadatama.
Mootummaan Sumaliiyaa gocha gareen riphe loltoota Al-shebaab raawwate kana baleeffachuun garicha barbadeessuuf bifa haaraan duulaa labseera.
Pireezdaantiin Sumaliiyaa Mohaammad Abdullaahii Mohaammad gocha sukkaneessa lammiilee biyyaatti nagaa irratti raawwatame kana wajjiin walqabatee gara Itoophiya dhufun ministiira Muummee obbo Hayilamariyaam Dassaleeny wajjiin mari’ataniiru
Pireezdaantichi Ministira Muummee Haayilamaariyaam Dassaalany waliin akkaata garee riphe loltoota Al-Shabaab barbadeessuun itti danda’amu iratti mari’achu isaanii keessa beektoonni himaniiru
Haaluma kanan Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Olaa duula Al-shabaabiin balleessuuf geggeeffamu cimsanii akka itti fufaan gaafachun isaaniis himameera.
Pireezdaant Mohaammad Abdullaahii Mohaammad gara biyyaa isaaniitti deebi’aanii guyyoota muraasaan boodaa loltoonni Itoophiyaa baay’een meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhatan daangaa Sumaaliiyaa seenuun isaanii dhaga’ameera.
Loltoonni Itoophiyaa gara daangaa Sumaliiyaa seenuun qaama ergama isaanii idilee akka ta’e dubbi himaan Ministeera dhimma Alaa Itoophiyaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru
Loltoonni Itoophiyaa kunniin Ergama Nagaa eegsisuu Gamtaa Afriikaa AMISOM jalatti garee shororkeessaa riphe loltoota Al-Shebaab barbadeessuuf akka duulaan himameeera
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa garee riphe loltoota Al-Shebaab barbadeessuuf loltoota isaanii gara Sumaaliiyaa ergan hundi loltoota mootummaa biyyaatti wajjiin qinda’uun garicharratti duulu jedhameera.
Itoophiyaan loltoota ishee Ergama Naga Eegsisuu Gamtaa Afriikaa (AMISOM) jalatti bobbasuun duula Al-Shebaab barbadeessuf duulamu kana akka tumsitu himameera.
Raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa kana dura Sumaliiyaa seenuun bakkeewwaan adda addaa to’aannoo garicha jala bilisa baasaa ni yaadatama
Mootummaan labsii yeroo hatattamaa ji’oota kudhaniif labse wajjiin walqabatee loltoota Itoophiyaa Sumaliiyaa keessa turan haalduree tokko malee gara biyyaa deebiseera.
Loltoonni Itoophiyaa bakkeewwan adda addaa to’aannoo garicha jala bilisa basaan gadhisaanii wayita bahan Al-Shebaab dhukaasa tokko malee deebisee to’aachuu danda’eera
Mootummaan Itoophiyaa loltoota isaa kumatamatti lakkawamn Sumaliiyaa keessa kan baaseef sababa hanqina bajeetan akka ta’e hima tureera.
lakkofsi Loltoonni Itoophiyaa gara daangaa Sumaliiyaa seenaan kan hin beekamne yoo ta’u, waggoota meeqaaf akka turaniis waan jedhame hin jiru.