Ministirri Dhimmoota Komunikeshiinii mootummaa miidiyaalee ummata walitti buusuuf yaalaanirratti tarkaniiffii seeraa akka fudhatamu himuun yaada dhuunfaa isaanii akka ta’e Hogganaan Abbaa Taayita Broodkaastii Itoophiyaa dubbataniiru.

Rakkoo nageenya Godina Buunnoo Bedellaatti uumamee wajjiin walqabatee gabaasa sobaa miidiyaaleen ENN fi Zaamii F.M jedhaman tamsaasan turan ilaalchisuun, minisrtirri wajjiira dhimmoota Komunikeshiinii Mootummaa Doktor Nagaarii Leencoo miidiyaalee oduu sobaan ummata walitti buusuuf yaalan irratti tarkaniiffiin seeraa akka fudhatamu tibbaana beeksisaniiru.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Birood kaastii Itoophiyaa obboo Zaraay Asgedoom Ibsi Dr Nagarii leencoo seeraa irratti hunda’udhaan midiyaalee oduu sobaa gabaasun ummata waliitti buusuuf yaalan irratti tarkaniiffiin seeraa ni fudhatama jedhan Ijannoo mootummaa akka hin taane himaniiru

Akka obboo Zaraay jedhanitti, miidiyaalee adabuu fi tarkaniiffii fudhachuu kan danda’u Abbaa Taayita Biroodkaastii fi manneen Murtii qofa malee Wajjiirri Dhimmoota komunikeshiinii aangoo hin qabu. Jechii obboo Zaraay kun tuffii tayitaa Dr. Nagarii leencoo akka ta’ee fi kunis Dr. nagariidhaaf qaanii guddaa akka ta’uu qabu tajjaboonii ni dubbatu.
Ministirri Muummee Haayilamariyaam Dassaleeny gamasantiin, miidiyaalee sabaa fi sablamoota waliitti buusuuf yaalaan irratti tarkaniiffiin seeraa akka fudhatamu miseensoota mana marii bakka bu’oota ummataatti himaniiru
Zaraay Asigdoom Wayita Hogganaa Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhiinii Itoophiyaa turan sagantaa Afaan Oromoo miidiyaa Federaalaa irra akka cufamu gochun isaanii kan yaadatamudha.
Kana malees gaazexxestoonni fi hojjattoonni lamii Oromoo ta’aan dhaabbatoicha keessatti sadarkaa guddinaa akka hin argane gochu fi hojiilee naannoo Oromiyaa keessatti hojjataman akka hin gaabafamne dhiibbaa gochun beekamu.