Ministeerri Dhimmaa Alaa Amerikaa lammiileen biyyaattii gara Itoophiyaa deemuun balaa qaba jechuun akeekachiiseera.

Hiriira mormii Ummaata bara 2015 bakka adda addaatti jalqabame lammiilee Amerikaa gara Itoophiyaa deemaan irratti balaa fuduu akka danda’u Ministeerri dhimma Alaa Amerikaa ibsaa baaseen beeksiiseera.
Imbaasiin Amerikaa Finfinnee jiru tajaajilli Interneetii fi bilbilaan kennuu of eeggannoo tokko malee addan cituu akka danda’u beeksiisera. .Waan kan ta’eef,akeekachisa imaltummaa duraan kennee turee ammas akka haaromse ministeerich himeera.
Tajaajilli Interneetii fi bilbila Mobaayiilii guutuu biyyaatti yeroo adda adda akeekachisa halduree tokkoo malee gutumaatti cufamuu danda’u jedheera. Haali kun immoo Imbaasiin Amerikaa Finfinnee jiru lammiilee biyyaatti Itoophiyaa keessa jiran akka hin gargareef guufuu ta’u ibsi ministeericha kun ni mul’isa
Lammiileen USA filannoo biroo ittin wal arguu danda’an qopheeffachuun akka qaban akeekachiseera.Yeroo Itoophiyaa keessa jiraataan tajaajilli bilbilaa fi Interneetii yeroo kamuu cufamuu akka danda’u maatii fi hiriyoota isaaniitti himuu akka qaban minsteerri Dhimma Alaa Amerikaa gorseera
Mootummaan Itoophiyaa hiriira nagaa bittineessuuf jecha namoota nagaa irratti kallattiin dhukaasuu akka danda’u ministeerrich beeksiiseera. Hiriira karaa nagaattiin waamammaan mootummaan humnan waan bittineessuuf osoo hin yaaddamne gara jeequmsaatti jijjiramuu akka danda’u lammiileen USA yaadachu akka qaban ministeerich akeekachiseera.
Lammiileen Amerikaa haala nageenya isaanii hordofun barabchiisa yoo ta’e hatattaamaan biyyaatti gadi dhiisaanii bahuuf karoora yeoo balaa qopheeffachuu akka qaban ministeerich dhaameera.

Haaluma wal qabateen mootumoonni biyyoota Beeljiyeem fi Jarmanii haali tasgabii Itoophiyaa keessa jiru fooyyaa’aa kan fakkatuu ta’uulee lammiileeen isaanii gara godinaalee naannoo Amaaraa sadii akka hin deemne akeekachiisan. Biyyoonni laman naannichaatti walitti bu’iinsa looltoota mootummaa fi Arbanyooch Ginboot Sabaat gidduu waan jiruuf lammilee isaanii kan akeekachiisan
Lammileen isaanii gara Tsagadee, Dhihaa fi Taach Armaacoo akksumas kaabaa Gondor akka hin deemne hubachiisaniiru
Bara haaraa Faranjoota sababeeffachuun lammiileen Beeljiyeemii fi Jarmanii baay’inaan Itoophiyaa ni daawwatu. Ministiroonni dhimmaa alaa biyyoota lamanii lakkofsa namoota xiyyeeffannaa keessa galchuun akeekachisa Imalaa akka kennan barruun Zaa Vooyiis(The Voice) jedhamuu gabaaseera
Naannichaatti dhiyeenya kana loltoota mootummaa fi Ginboot sabaat akkasumas qaama humnoota bilisummaa ofiin jedhan giddutti walitti bu’insi jiraachuun himameera.
Walitti bu’insa naannichaa jiru wajjiin walqabatee mootummaan Amerikaa fi Biriteen lammiileen isaanii gara naannoo kanatti akka hin deemne akeekachisanii turan. Yaa ta’u malee biyyoonni lamaniuu rakkoo nageenya naannicha jira jedhan waan beeksiisan hin jiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhiyeenya kana miseensonni humnoota Ginboota Sabaat daangaa qaxxamuruun gara naannichaa seenaan akka boji’amanii fi 15 immoo ajjeeffamuu beeksiise ture.
Hoggantoonni Ginboot Sabaatii gama isaaniitiin, walitti bu’insi akka ture amanuun garuu balaan gahee jedhame mootummaan dhugaa jiruu irra fageessuun akka ol guddisee ESATtti himaniruu.
Waliiti bu’insa naannichaa jiru wajjiin walqabatee mootummaan humna waraanaa dabalata gara naannichaatti akka bobbasuuf dirqamuu isaa qamoonni dhimmichaatti dhiyeenya qaban beeksiisaniiru.