Ministeerri dhimma Biyya alaa Amerikaa gara Itoophiyaa akka deeman ibsame.

Bitootessa 31/2016

Ministeerri dhimma Biyya alaa Amerikaa gara Itoophiyaa akka deeman ibsame.

Itti aanaa gargaaraan ministeera dhimma diimokiraasii fi mirga dhala namummaa Ameerikaa Toom Maalinooskiin gareen gaggeeffamu gara Itoophiyaa akka Imalan ministeeri dhimma Biyya alaa Amerikaa beeksiseera.

Turtii isaan Itoophiyaatti itti gaafatamaan Ministeera Ameerikaa biyya alaa kun angefamtoota mootummaa waliin wal arguun dhimmoota garaagaraa irratti kan mar’atan yemmuu ta’u, daawwannaan kun kan bara darbe Pireezidaant Obaamaan taassisan waliin hidhata akka qabu ministeerichi himaniiru.

Pirezidaant Obamaan turtii isaanii Finfinnee keessatti biyyattii keessatti haala qabannaa mirga dhala namummaa fi bilisummaa dhaabbilee sab-quunnamtii irratti fooyya’iinsi akka jiraatu yaalii ifaa taassisuun isaanii ni yaadatama.

Haala siyaasa yeroo irratti ibsa kennanii kan turan pireezidaanitichi dhaabbileen siyaaasa biyyattii keessa jiranii fi gaggeessitootni akkasumas mirgi dhaabbilee sab-quunnamtii bilisummaan socho’uu akka danda’an hubachiisuun isaanii ni yaadatama.

“Biyyi tokko milkaa’uu kan danda’u lammiileen biyyattii siyaasa biyyattii keessatti yoo hirmaatanii fi hirmaachuu isaanii yoo mirkaneeffatan qofa” jechuun Baraak Obamaan yeroo sanatti ibsaniiru.

Pireezidaanichi anigeffamtoota mootummaa waliin marii taassisanii fi biyyoota lamaan gidduutti sodaa ta’u dhimmoota jedhaman hordofuuf hoogganaa olaanaan dhimma mirga namummaa fi dimookiraasii garagaraa ministeera marii bal’aa taassisu jedhamee eegama.

Ministeeri biyya alaa kun turtii isaanii Itoophiyaa booda Ameerikaatti irra deddeebi’uun gaaffii mirga dhala namummaa kan dhiheessan Burundii, Riwaandaa fi keeniyaatti daawwannaa wal fakkaatu akka taassisan hubachuun danda’ameera.

Minisiteerri dhimma alaa kun mormii Oromiyaa ji’a shanaffaa lakkoofsisaa jiru kanaafis sodaachuun mootummaan deebii nagaa akka kennu hubachiisuun isaanii ni yaadatama.

Dhiibbaan mirga dhala namummaa biyyatti keessatti ka’u dhimmoota biyyoolessaa biraas biyyoota lamaan gidduutti irratti mar’atama jedhamee eegama.