Ministeerri dhimma alaa Biriteen Booris Jonsan dhimma Andaargaachoo Tsigee irratti akka xiyyeeffatan dhaabbanni mirga namaaf falmu tokko gaafate .

Dhaabbanni mirga namaaf falmuu fi waa’ee Obbo Andaargaachoo hordofu Rappiraav jedhamu, ministeerichi bara darbe aangoo wayita fudhatan kabajamuu mirga lammiilee biyyattiif hojjachuuf waadaa galan akka kabajan gaafateera.

Booris jonson turtii isaanii magaalaa Finfinnee kanaanis waa’ee dhimma Obbo Andargaachoo irratti xiyyeeffachuun Biriteen mirgi lammii ishee akka kabajamuuf haala jiru ifatti mootummaa Itoophiyaatti himuu akka qaban dhaabbatichi hubachiiseera.

Daawwannaa isaanii Finfinnee kanaan dhimma Andargaachoo irratti kan hin xiyyeeffanne yoo ta’e, mirgi lammii Biriteen biyyoota alaatiin wayita sarbamu callistee ilaaluuf fedhii akka qabdu kan agarsiisuudha jechuun dhaabbatichi ibsa baaseen hubachiiseera.

Ministeerri dhimma Alaa Biriteen Booriis Jonsan Dr Warqinaa Gabayyoo wajjin dhimmoota gara garaa irratti gaafa guyyaa kamisaa mari’ataniiru.

Marii kana irrattis dhimmi obbo Andaargaachoo ka’uu akka hin oolle himameera.
Garuu miseensonni garee Biriteen dhimma kana ilaalchisuun hanga ammaatti waan jedhan hin jiru .

Yeroo darbe miseensonni Paarlaamaa Biriteen lakkofsi isaanii 53 ta’u xalayaa ministeera dhimma alaa Booris Jonsaniif barreessaniin obbo Andargaachoo mana hidhaatii akka gadhiifaman gaafachuun isaanii ni yaadatama.

Qondaaltonni Itoophiyaa obbo Andargaachoon tajaajila seeraa akka argataniif waadaa galan kabajaa waan hin jirreef mootummaan Biriteen callisee ilaaluu hin qabu jechuun miseensonni Paarlaamaa Biriteen hubachiisanii turan.