Manni Murtii Olaanoo Godina Harargee Lixaa Namoota Seeraan Ala Dolaarii Amerikaa Osoo naanneessan keellaa Bordoddeetti qabaman irratti adabii hidhaa murteesse.

Yakkamtoonni laman dolaarii Amerikaa kuma dhibba shanii fi kuma 41 fi 771 seeraan ala osoo dabarsuuf yaalan Keellaa Bordoddeerratti Pooliisii Oromiyaan to’aanno jala oluun sanii ni yaadatama.
Manni Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa dhimma yakkamtoota lamaan keellaa Bordoddeerratti to’aannoo jala oolfamanii ilaala turun murtii adabii hidhaa itti murteesseera.
Haaluma kanan obboo Habaanee Arab Nuur hidhaa waggaa 8 fi Birrii kuma dhibba tokko akka adabamu manni murtichaa itti murteesseera.
Akkasumas Obboo Ahimad Mohaammad hidhaa waggaa 8 fi Birrii kuma dhibba tokkoon akka adabamu Manni Murtii Olaanoo Godina Harargee Lixaa itti murteesseera.
Doolaarri Ameerikaa kuma dhibba Shanii fi kumni 41 fi 771 yakkamtoota kanniin harkaatti qabame lammilee Oromoo naannoo Somaaleeti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqana’niif akka kennamu murteesseera.
Haaluma kanan maallqni qabame kun gara lakkofsa Herreegaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti lammiilee naannoo Sumaaleeti qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an gargaaruuf banameetti galii akkka ta’uu murtaa’uusa himameera.
Miidiyaaleen mootummaa fi deeggartoonni waayyaannee maallaqa seeraan alaa kun wayita qabamu mormii ummata Oromoo wajjiin walitti dhufeenya waan qaba fakkeessun gabaasani ture
Garuu dolaariin Amerikaa Miiliyoona wadhakaa ol to’aanno jala olfaame kana namooni dhalattoota Oromoo hin taane karaa seeraan alaa dabarsuuf akka yaalan mirkana’eera