Manni Murtii olaanoo Federaalaa Miinstiira Muummee dabalatee qondaltoonni mootummaa olaanoo biroo himatamtoota siyaasa Galmee Obboo Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti himatamaniif ragaa ittisaa akka bahaan ajajeera.

Manni murtii Federaalaa ministira Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny dabalatee, qondaltoonni mootummaa olaanoo biroo mana murtiitti argamanii himatamtoota siyaasa galmee obboo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himatmaniif ragaa ittisaa akka bahan xalayaa waamichaa akka qaqqabu ajajeera.
Manni murtiichaa guyyoota arfan darban ragaalee ittisaa fi jecha himatamtoota siyaasa Paartii Kongiraasi Federalaawa Oromoo galmee Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti himataman dhaggeeffachaa tureera.
Ragaalee Ittisa himatmtoonni ragaa nuu bahu jedhanii dhiyeessan Ministira Muummee dabalatee Afa yaa’ii mana marii bakka bu’oota Ummataa Obboo Abbaa duulaa Gammadaa, Perizedantii Naannoo Oromiyaa Obboo lammaa Magarsaa fi kan biroo Onkololeessa 27,28,29 bara 2010 mana murtiitti argamanii ragaa akka bahaan ajajeera
Abbaan Alangaa Federaalaa Itti -aanaa hogganaa Paartii kongiraas Federalawaa Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee hoggantoota fi miseensoota Paartiichaa biroo yakka shororkeessummaan himachuun ni yaadatama.
Manni murtii Federaalaa Lafarra harkifaannaa yeroo dheeraan booda Obboo Baqqalaa Garbaa yakka idileen akka himaman fi himatamtoonni shan immoo biilisaan akka gadi dhiifaman murteessun ni yaadatama.
Himatamtoonni Siyaasa Oromoo hafa immo yakka shororkeessumma abbaan alangaa ittin isaan himate akka ofirra ittisan manni murtichaa murteesseera.
Yakki Idilee obboo Baqqalaa Garbaa ittin himataman mirga wabii kan eyyamu ta’uus manni murtii olaannoo federaalaa gaaffii mirgaa wabii akka isaan dhoorkate gabaasun keenya kan yaadatamudha

Lakkofsi lammiilee Afriikaa Qa’ee Isaaniirra Buqqa’anii Kan Yeroo Kamuu Caalaa Akka Dabale Gabaafame.

Dhaabbaanni Mootummoota Gamatomaanii guyyaa mirga namoomaa addunyaa ilaalchisee ibsa baaseen Bara warra faranjootaa 2017 keessa lakkofsi lammiilee Afriikaa qa’ee isaaniirra buqqa’anii sadarkaa olaanaa irra akka gahef lammiileen biyyoota Afriikaa miiliyoona 20 n qa’ee isaaniirra buqqa’uu isaani beeksiseera.
Lammiileen kunniin qa’ee isaanii gadi dhiisanii wayita imalan hanqina nyaataa fi rakkoo biroof akka saaxilaman ibsi dhaabbatichaa mul’iseera.
Lakkofsi namoota gara biyyoota biroodeemuun koolugaltummaa gaafataniira kan biyyaa keessatti qa’ee jireenyaa isaaniirra buqqa’aanii akka caaluu gabaasa dhaabbatichaarra hubatameera.
Bara 2017 qofa lakkofsi namoota biyyaa isaanii keessatti qa’ee irra buqqa’aanii miiliyoonaa 12 fi kuma dhibba torba jedhameera.
Lakkofsi kun kan bara 2013 qa’ee isaaniirra buqqa’an wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu dhiibbentaa 65 dabaleera
Dhaabbaanni mootummoota Gamtomaanii biyyoota Afriikaa lammiileen isaanii qa’ee irra baay’inaan buqqa’an sadarkaa sadarkaan ramadeera.
Haaluma kanan Sudaanii fi Sudaan Kibbaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa irra wayita jiran Itoophiyaa biyyoota Afriikaa lammiileen isaanii qa’ee irra baay’inaan buqqa’an keessa sadarkaa 9ffaa irra jirti.
Lammiileen Itoophiyaa baay’een sababa hongee, beela,walitti bu’iinsa daangaa fi gosaa akkasumas saamicha lafaa mootummaan deeggaramuun qa’ee isaaniirra akka buqqa’an gaabafama tureera.