Manni Murtii Olaanoo Federaalaa jecha Hoggantoota himatamtoota Siyaasaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo Afur dhaggeeffate

Manni murtii olaanoo Federaalaa Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee jecha himatamtoota Siyaasaa Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo afur gaafa hagayya 8 bara 2009 dhaggeeffateera.

Manni murtichaa ragaalee himatamtoota galmee obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himataman dhaggeeffachuuf dhadacha taa’een hanqina yeroo wajjin walqabatee kan himatamtoota 4 dhaggeeffateera.

Abbaan Alangaa sanadii ragaalee himatamtoonni Siyaasa Oromoo Ministeera Muummee Hayilamaariyaam Dassaaleny dabalatee qobdaltoota mootummaa olaanoo dhugaa nuu bahu jedhanii dhiyeessan mormeera .

Abbaan Alangaa sanada ragaalee himatamtoota kana irratti mormii qabu barreeffaman dhiyeessuuf yeroon akka isaaf kennamuuf mana murtichaa gaafate .

Abukaatonni himatamtootaa garuu ragaalee namaa fi sanada gahaa Abbaa Alangaaf akka gahuuf mana murtichaaf kennuu isaanii himuun gaaffii kana mormaniiru.

Manni murtichaas Abbaan Alangaa mormii qaba jedhu gara fuulduraatti akka dhiyeessuu danda’u itti himuun jecha himatamtootaa dhaggeeffachuu itti fufeera.

Himatamaan Siyaasaa Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo miseensa Paartii karaa seera biyyattiin hundeeffame akka ta’anii fi yakki itti himatamanis sobaan kan qindeeffame jedhaniiru.

Kan Hojjatan seeraa fi naamusa paartii isaanii irratti hundaa’uun waan ta’eef mormii maaster Pilaanii bara 2006 jalqabame kara nagaa furmaata akka argatuuf mootummaan mariif karaa akka saaqu gama paartichaan xalayaan gaafachuu isaanii dubbataniiru.

Paartiin isaanii qabsoo karaa nagaa fi seeratti kan amanu waan ta’eef ,gaafa tokkollee qaama kamiinuu komiin itti dhiyeetee hin beeku jedhan.

Himatamaan Siyaasaa Obbo Dajanee xaafaa gamasaaniitiin, gaafa mudde 14 bara 2008 magaalaa Finfinneetti akka qabamanii hidhaman dubbataniiru.

Poolisoonni baay’een waraqaa eyyama mana murtii malee mana isaanii humnaan akka sakatta’an dubbataniiru.

Poolisoonnii fi Tikoonni mootummaa mana sakatta’an kutaa ciisicha isaanii keessaa kitaabota baay’ee akka fudhatan himaniiru.

Poolisiin uffata Siivilii uffate tokko korojoo qabatee jiru keessaa waraqaa wayita baasu haati manaa isaanii maal inni jedhanii wayita harkatti qaban poolisoonni meeshaa waraanaatiin haadha manaa fi daa’ima isaanii lafarra akka ciisan taassisan jedhan.

Sanada ABO irratti mallatteessi jedhan kan tikoonni mootummaa fidanii dhufan waan ta’eef irratti hin mallatteessu jedhanii akka didan dubbataniiru.

Himatamaan siyaasaa biroo obbo Addisuu Bullaallaas mudde 14 bara 2009 kan hidhaman yoo ta’u, manni isaanii wayita sakatta’amu kutaa foddaa qabu keessaa korojoo abbaa isaa hin beekne akka argan himaniiru.

Poolisoonni korojoon kun maal jedhanii wayita isaan gaafatan hojjettuu deddeebitee isaaniif hojjettu waan qabaniif kan ishee ta’uu akka malu itti humuu isaanii dubbataniiru.

Korojoon kun wayita banamu Alaabaan ABO keessa akka ture himan.

Poolisoonnis dirqamsiisanii humnaan akka isaan mallaatteessisan mana murtichaatti himaniiru.

Itti-Aanaa Hogganaan Paartichaa fi himatamaan Siyaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa gamasaaniitiin, Umurii isaanii guutuu seeraa fi Heera mootummaaf akka dhaabbatan dubbataniiru.

Paartii isaanii bakka bu’uun uummanni filannoo akka filatu kakaasaa akka turanii fi seeraan alatti kan amanan osoo ta’ee, uummanni filannoo irratti akka hirmaatu hin kakaasun ture jedhan.

Baadiyyaa biyyattii keessa deemuun uummata filannoof wayita kakaasan tikoonni mootummaa daandii irra dhaabuu fi bosona keessa galchuun qabeenya isaanii irraa fudhataa akka turan yaadataniiru.

Gochi kun hundi wayita isaan irratti raawwatamu akkasumas miidhaa guddaan irra gahaa wayita turetti sekendii tokkoof karaa nagaan qabsaa’uu malee kan biraa yaadanii akka hin beekne mana murtichaatti himaniiru.

Dubbiin konfiraansii waldaa qorannoo Oromoo irratti dubbatanis ejjannoo cimaa qabsoo karaa nagaa irratti qaban kan mirkaneessuu fi walqixxummaa sabaa fi sablammoota biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf akka hojjatan kan mul’isu jdhaniiru.

Manni murtichaa jechaa fi ragaalee himatamtoota siyaasa Oromoo dhaggeeffachuu akka itti fufu hubatameera.