Manni Murtii Olaannoo Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa ilaaluf ji’a tokko keessatti yeroo 6ffaaf beellame

Mannii murtii Olaanoo Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa ilaaluf sababa adda addaan dhiyeessuun ji’a tokko keessatti yeroo 6ffaaf akka beellame himame
Itti-aanaa Hogganaan Paartii Kongiraas Federalaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa yakka idileetiin akka himataman manni Murtii olaannoo federaalaa erga murteesse torbee sadii guuteera.
Yakki idilee obboo Baqqalaa Garbaa ittin himataman mirga wabii kan eyyamu waan ta’eef gaaffiin mirga wabii akka isaaniif kabajamuuf dhiyeessan sababa adda addaan lafarra harkifachaa jira.
Obboo Baqqalaa Garbaa Mormii ummata Oromoo wajjiin walqabatee ji’oota 20 dura yeroo lammaffaaf kan hidhaman yoo ta’u, sababa gara gara Abbaan Alangaa fi manni murtii dhiyeessaniin dhimmi isaanii murtii osoo hin argane yeroo dheera fudhateera.
Abbaan Alangaa Federaalaa ragaa qabatamaa fi gahaa malee Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee hoggantoota olaannoo Kongiraas Federalaawa Oromoo biroo yakka shororkeessummaan himateera
Obboo Baqqalaa Garbaa murtii Lafarra harkiffannaa yeroo dheeraan booda yakka idileen akka himatan murta’eera.
Gaaffiin Obboo Baqqalaa mirga wabiin mana hidhaatii bahanii dhimmaa isaanii hordofiuuf gara abukatoota isaaniin dhiyeessaniis ammaas toofta abbootiin seeraa hin jiran jedhun murtii argachuu hin dandeenye
Manni murtii olaannoo Federaalaa gaaffii mirga wabii isaanii kana irratti murtii kennuuf sababa abbootiin seeraa hin jiran yookan immoo abbaan seeraa tokko dhukkubsate jedhuuf kan biroo dhiyeessuun kana dura yeroo shaniif beellameera.
Manni murtichaa sababa walfakatuu dhiyeessuun gaafa hagayyaa 2 bara 2009 gaaffii mirga wabii isaanii ammas yeroo 6ffaaf beellameera
Obboo Baqqalaa Garbaa himaannaa ragaa sobaan qindeeffaneen bara 2003 hidhaa waggaa shanii itti murteeffamee xumuranii erga gadi dhiifaman booda gargarummaa ji’oota muraasaan keessatti hidhamaniiru.