Manni Murtii olaannaa Federaalaa dhaddacha 19ffaa Dr Maraaraa Guddinaa Mirga wabii dhorkateera

Abbaan Alangaa mootummaa Itoophiyaa hayyuu siyaasa beekkamoo fi Hogganaa Paartii Kongrasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa yakka heeraa Mootummaa diiguu jedhu dabalate kan birootiin himateera.
Dr Maraaraan Abbaan Alangaa erga ifaatti isaan himatee booda gara abukaatoota isaaniitiin yakki ittiin himatamanii mirga wabii kan dkoorkachiisuu waan hin taaneef mirgi wabii akka isaaniif kabajamu mana murtiichaa gaafatanii turan.

Yaa ta’u malee, ammaas Manni murtii Federaalaa dhadacha 19 ffaan Dr Maraaraan Guddinaa mirga wabii dhorkachuun dhugaa jiruu haluun amanamummaa mootummaaf qabu irra deebiin mirkaneesseera.
Manni murtichaa himaanna Dr Maraaraa Guddinaa dhaggeeffachuuf Ebla 24tti bellameera.
Dr Maraaraa Guddinaa afeeraa parlaamaa gamtaa Awurooppaa irratti argamanii haala qaabinsa mirga namoomaa fi haala siyaasa waliigalaa Itoophiyaan keessa jirtu ilaalchiise ibsa kennan gara biyyaatti wayita deebi’an looltoota mootummaan hidhamuun isaanii ni yaadatama.
Bifuma walfakkatuun Hoogganoota olaanoo Kongrasii Federaliistii Oromoo arfan dabalatee galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti kan himataman namoonni 22 mana murtii dhiyaataniiru.
Ragaan sagalee Siidii irratti waraabamee dhiyaatee ture gara afaan hojii Fedaraalaatti jijjiramee akka dhiyaatu manni murtii ajajee akka ture ni yaadatama.
Garuu abbaan alaangaa ragaa sagalee siidii jedhe kana gara afaan hojii mana murtichaatti jijjirsiisee dhiyeessuu waan hin dandeenyeef manni murtii ammas bellama biraa gaafa Kamisatti bellameera.
Siidii abbaan alangaa akka ragaatti dhiyeessee kana gara afaan hojii mana murtiitti akka jijjiruuf korporeeshiniin Broodkaastiing Itoophiyaa duraan Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhiinii Itoophiyaa jedhamu xumuree dhiyeessuuf yeroo gahaa akka hin argane barreeffamaan mana murtii beeksisee jira.
Abbaan alangaa himatamtoota osoo hin hamaanne dura jalqaba ragaa himachuuf dandeessisuu qopheeffachuu akka qabu Abukatoonni himaniiru.
Mannii murtiis kan mootummaa kan himatuus mootummaa waan ta’eef abbootiin alangaa namoota ragaalee sobaan himachuun manni murtii immoo beellama dheereessun waggoota heddu erga deddebisee booda ragaan sobaan akka murteessu namoonni dhiyeenyaatti iciitii qaamolee seeraa laman kan beekan ni dubbatu.
Manni Murtiicha Kamisa dhufuutti ammas bellama biroo beellameera.
Abbaan Alaangaa Dr Maraaraa Guddinaa dabalatee Dr Birhaanuu Naggaa fi Juhaar Mohammaad bakka hin jireetti himachuun isaa ni yaadatama.
Namoota kannii malees Miidiyaa Neet-Woork Oromiyaa (OMN) fi Televizhiinii Satalayiitii Itoophiyaa (ESAT) himachuun ni yaadatama.Joakim Demmer waggoota jahan dura bufata xiyyaara addunyaa Booleetti hanga saa’aatii imala isaanii gahuutti hojjattoonni buufata xiyyaaricha fuulaa isaanii irra dadhabbiin mul’atu garee lamatti qoodamanii wayita hojjatan akka argan dubbataniiru.
Gareen tokko omishaalee qonnaa gara Awurooppaatti ergamu xiyyaraa irratti fe’aa jiru jedhan. Yeroo walfakkatuutti gareen biroo immoo midhaan gargaarsan biyyaa alaatti lammilee Itoophiyaaf ergame xiyyaara irra buusaa akka jiran argu isaanii himaniiru.
Dhimmi Gaaffii guddaa isaaniitti ta’e’e immo Lammilee biyyatiif gargaarsi midhaan nyaata biyyaa alaatti ergamaaf osoo jiru Itoophiyaan maaliif midhaan alaatti ergiti kan jedhu akka ture ogeessi fiilmii kun beeksisaaniiru.