Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa Bu’aa filannoo pirezedaantummaa biyyaatti haqe

Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa bu’aa filannoo pirezedaantummaa Hagayya 8 bara 2017 geggeeffameen Pirezedaant Uhuruu Keniyaattaa mo’atan jedhame haqe.
Manni murtichaa dhaddacha gaafa jimaataa taa’een Boordiin Filannoo biyyattii filannoo ji’a darbee godhame irrati hojii seeraan alaa fi haqa-qabeessa hin taane kan filannicha miidhu akka raawwate beeksiseera.
Abbootii Murtii dhimma bu’aa filannoo Keeniyaa dhaggeeffachaa turan 6 keessa 4 bu’aan filannoo akka haqamu akka murteessan Alajziiran gabaaseera .
Abbaan Murtii Daviid Maragaa bu’aan filannichaa akka haqame murteeffamu wayita ibsan akka jedhanitti, Uhuruu Keeniyaattan injifachun isaanii labsamuun bu’aa qabeessa waan hin taneef haqameera
Boordiin Filannoo Biyyaaleessa akkaata heera mootummaa biyyaattiin filannoo Pirezedantummaa gaaggeessuu akka hin dandeenye Manni Murrtichaa beeksiseera.
Manni murtii olaannoo Keeniyaa filannoonPirezedantummaa biraa guyyoota 60 keessatti irra deebiin akka filatamus ajajeera.
Filannoo Pirezedantummaa biyyaatti yeroo darbe filatameen pirezedantii biyyaatti kan turan Uhuruu Keeniyaatta morkataa isaanii Rayiilaa Odiingaa akka injifatan ibsame ture.
Rayiilaa Odiingaa gamasantiin, bu’aa filannoo kana fudhachuu diduun mana Murtii Olaannoo Keeniyaatti iyyataniiru.
Pirezedantiin biyyaatti Uhuruu Keeniyaataan ummata filannoo pirezedaantummaa biyyaatti irrati hirmaate keessaa dhibbantaa 54n argachun akka mo’atan ibsamun ni yaadatama.
Waggoota muraasa asi kadhimamaa filannoo Pirezedantummaa Keeniyaa cimaa ta’an Rayiilaa Odiingaa bu’aa filannoo irratti sagalee ‘elektiroonikiisiin’ kennameen Uhuruu Keeniyaattaan akka injifataniif gargaaru dubbataniiru.
Manni Murtii Olaanoo Keeniyaa dhadacha gaafa jimaata ta’een, bu’aa filannoo seeraan alaa akka haqamu murteeffame kana keessatti pirezdaantiin biyyaatti karaa kamiinuu hirmaannaa hin qaban jedheera
Pirezedantiin Biyyaatti Uhuruu Keeniyaattaa murtii kana booda yaada kennan, murtiichaa itti amananii kan hin fudhannee ta’uus seeraa kabajuun dirqamaa akka ta’e beeksisaniiru.
Murtii seeraa kabajuun barbaachisa waan ta’eef ajandaa walfakkataa qabachuun ummanni irra deebiin akka isaan filatu gaafachuuf qopha’uusaanii Keeniyattaan himaniiru.
Deggartoonni isaaniis murtii kana kabajuun akka tasgaba’aaniif Keeniyattaan waamicha dhiyeessaniiru
Paartiin Uhuuruu Keeniyaattaa murtii bu’aan filannoo akka haqamu mana murtii kenname kana mormaniiru
.Deggartoonni Rayiilaa Odiingaa immoo murtiin kanan gammaduun addababayiitt bahanii shubbisaa akka jiran gabaafameer.
Seenaa Keeniyaa keessatti bu’aan filannoo pirezedantimmaa mana murtiin yoo haqamu kun kan jalqabaa akka ta’e himameera.
Biyyoota Afriikaa keessattu kan gaanfaa Afriikaatti manneen murtii seeraa fi heeraaf osoo hin taane qondaltoota siyaasaa fi tikoota mootummaaf yeroo bitamaniitti manni murtii Keeniyaa bu’aa Filannoo Pirezedantummaa haquun seenaa haaraa kan biroof fakkeenyw ta’u jedhameera.