Manni Murtii Olaanaa Federaalaa obboo Yoonaataan Tasfaayee hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6 itti murteesse

Manni Murtii Federaalaa Olaanaa hogganaa dhimmoota komunikeshinii Paartii Samaayaawwii duraanii obbo Yoonaataan Tasfaayee hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6n akka adabamu itti murteessera.
Mana murtii ragaalee himatamaan adabiin akka isaaniif hir’atuuf dhiyeeffatan 3 xiyyeeffannoo keessa galchuun murtii adabbii kana akka murteesse Gaazexxaan Addis Standard gabaaseera
Obboo Yoonaataan Tasfaayee mormiin Ummata Oromoo jalqabamee ji’oota muraasaan booda ji’a muddee bara 2008 qabamaanii kan hidhaman ta’un ni yaadatama.
Abbaan Alangaa Obboo Yoonaataan Tasfaayee toora Facebook irratti waan bareessaniif qofa yakka shororkeessummaan karoorfachuu, qopheessu fi kakaasuu jedhun akka isaanii himate kan yaadatamudha.
Obboo Yoonaataan yakka shorokeessummaa ittin himataman kana ofirra ittisuuf ragaalee hayyoota , hoggantoota Paartiilee Siyaasaa, Gaazexxestoota fi sanada adda addaa yakkaa kana akka hin raawwaanne ragaa bahaniif dhiyeeffataniiru.
Yaa ta’u malee, Mannii Murtii Federaalaa Dhadacha Arfaffaan ragaaleen kunniin fudhatama hin qaban jechuun yakka shororkeessummaa raawwataniiru ittin jedheera.
Haaluma kanan Manni Murtichaa dadhacha ta’een obboo Yoonaataan tajaajila hawaasummaa kenna akka turu isaanii , yakka biraatin himatamne ta’u fi itti gaafatamummaa maatii akka qaban xiyyeeffannoo keessa galchuun hidhaa waggaa 6 fi ji’a 6n akka adabaman itti murteessera.
Bifuma walfakkatuun Gaazexxeessa Getaachoo Shifaraaw yakka shororkeessummaa ittin himatameen yakka uumeera jechuun mani murtii Federaalaa itti murteessera. Haaluma kanan Gaazexxeessa Getaachoo Shifaraaw gaafa Caamsa 18 murtii adabbii akka argatu beekameera