Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Gaazexeessaa Geetaachoo Shifarraaw hidhaa waggaa 1 fi ji’a 6 itti murteessuun himame.

Gaazexeessaa Getaachoo Shifarraaw qopheessaa olaanaa Gaazexaa Nagaraa- Itoophiyaa jedhamu yoo ta’u, mudde 15 bara 2008 jalqabee mana hidhaa akka jiru ni beekama.

Abbaan Gaazexeessaa Getaachoo Shifarraaw ragaalee adda addaa miseensota paartii Samaayaawwii irraa walitti qabuun dhaabbata Televizhiinii ”ESAT” jedhamuu fi hoggantoota Arbanyooch Ginboot sabaattiif kennaa ture ittiin jechuun yakka shororkeessummaan himateera. \

Gaazexeessaa Getaachoon mormii yeroo dheeraan booda himaannaa yakka Shororkeessummaa Abbaan Alangaa ittiin himaterraa walaba waan ta’eef yakka biraan himatameera.

Abbaan Alangaa Gaazexeessaa Getaachoo irra deebiin yakka idilee keeyyata 257 irratti tumame bira darbuu jedhuun kan himatee dha.

Manni Murtii olaanoo Federaalaa himannaa kana erga dhaggeeffachaa turee booda dhadacha caamsaa 16 taa’een badii raawwateera jechuun itti murteesseera.

Gaazexeessaa Getaachoon dhimmoota adabbiin akka isaaf hir’atuuf gargaaran akka dhiyeessu mana murtichaan gaafatamee ture.

Gaazexeessaan kun garuu murtii murteeffamu hunda fudhachuuf qophii waan ta’eef adabbiin itti murteeffamu akka hir’atuuf yaada dhiyeessu akka hin qabne himuun kan yaadatamudha.

Manni Murtii olaanoo Federaalaa dhadacha jimaata ganama taa’een Gaazexeessaa Getaachoo Shifarraaw hidhaa waggaa 1 fi ji’oota 6’n akka adabamu itti murteesseera.

Gaazexxeessaa Getaachoon adabbii hidhaa itti murteeffame kana irra caalaa mana hidhaa keessatti waan xumureef poolisoonni tooftaa biraa kan hin uumne yoo ta’e gadhiifama jedhamee ni eegama.

Adabbiin hidhaa manni murtii Gaazexeessaa Getaachoo irratti murteesse kun Itoophiyaa keessatti yaada ofii bilisaan ibsachuun akka hin danda’amne kan mul’isu jechuun dhaabbileen mirga namaaf falman dubbataniiru.

Lakkoofsi gaazexeessitoota ji’oota shanan darban qofa murtiin itti murteeffame sadii gaheera.

Itoophiyaa keessatti waliigalatti Gaazexeessitoonni 15 hidhamanii akka jiran ni beekama.