Manni murtii Itoophiyaa barataa Abbabaa Urgeessaa irraatti hidhaa waggaa 15n murteesse.

Mannii Murtii Olaanaa Federaalaa barattoota Oromoo waggaa lamaan dura mastarPiilaanii magaala Finfinnee fi magaaloota Oromiyaa Godina Addaa waan mormaniif maqaa gocha shorkeessummaa jedhun tibbaana itti murteessaa jira.

Mannii murtichaa barataa Abbabaa Urgeessaa irraatti hidhaa waggaa 15 kan murteessee,
<< barattoonn Yuunivarsitii Haramayaa tapha kubbaa millaa televizhiniin daawwataa turan irratti boombii darbachuun baratan tokkoo akka du'u 40n immoo akka miidhaman taasiseraa>> jechuughaan himnanaa abbaan alangaa dhiheessee irraati hunda’ee akkaa ta’e beekameeraa.

Barataa Abbabaa Urgeessaa mana hidhaa Shawaa Roobiitii keessaa kan ture yemuu ta’u, pooliisiin guyyoota dhaddacha lamanii duraanii mana murtiitti dhiyeessuu waan hin dandeenyeef murtiin itti murta’ee sadaasa 19 akka dubbifamuuf beellamuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Manni-murtichaa Sadaasa 9, 2009 barataa Addunyaa Keessoo fi barataa Bilisummaa Daammanaa hidhaa waggaa 4 fi ji’a 5 itti murteessuun ni yaadatama.
Barataa Tashaalaa Baqqalaa immoo hidhaa waggaa 1 fi ji’a lamaan itti murta’eera.
Baratoonni Oromoo barnoota yuunivarsiitii irraa qabamanii gara manneen hidhaatti ergaman kunniin masatar piilaanii magaaloota godina addaa oromiyaa bulchiinsa Finfinnee jala galchuu qopheeffamee mormuun turee. Boombii Bartoota Yunvarsiitii Haromayaatti darbamee jedhame kanas qamoolee tika mootummaa akka qindeessan keessa beektoonni ni dubbatuu.
Yeroo gara garaatti gocha boombii dhoosuu, saba tokko saba biraa wajjiin walitti busuu fi maqaa Amantiin jeequmsa uumuum qamoolee tika Mootummaa Itophiyaa dhalattoota oromoo baay’ee hidhaa waan turaniif ammas diraamaa qindeessaniin bartoonni kunniin akka hidhaman keessa beektoonni himaniiru.
Mootummaa Mastar piilaaniicha haqee jedhee himuus maqaa shorkeessummaa jedhuun dhaltoonni Oromoo ragaa sobaan manneen hidhaa keessattti dararaamuun akkuma itti fufeetti jira