Manni murtii Federaalaa dhaddacha Obbo Baqqalaa Garbaa fi miseensota paartii kibxaata dhufuutti dabarsan.

baqqalaa3Mana murtii Federaalaatti dhaaddachi 19 ffaa himannaa mootummaan Itoophiyaa itti-aanaa dura taa’aa paartii kongraasii federaliistii Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa fi miseenoota paartichaa 22 irraattii himannaa dhihaatee ilaalichisee Abbaan Alangaa namoota ragaa bahaan guutee waan hin dhiyeessinee fi, Himatamtoota keessaa nammii shan waan hin dhiyaaneef guyyaa Kibxataa dhufuutti dhageeffachuuf dabarsee.
Namoottiin shanan Obboo Galaanaa Nagaraa, Obboo Gammachuu Shanqoo ,obboo Darajjee Margaa fi Obboo Firoomsaa Abdiisaa manaa hidhaa Shawaa Roobiit yookan immoo mana hidhaa Ziwaay keessaa jiraachuu akka malan Abbaan Alangaa mana murtichaatti himeerra.
waa’ee dhimmaa himatamaa shanaffaa guyyaa har’aa osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin hafee obboo Cimsaa Abdiisaa Jafeeroo yookan immoo maqaa biraatiin Dajanee Abdiisaa abbaan Alangaas ta’ee Abukatoon himatamaa bakka buutee isaanii waan beekan hin jiru. mannii hidhaa qilnxoo isaan itti hidhamanii turaan erga inbdaan gubatee booda waa’een nageenya Obboo cimsaa Abdiisaa Jafeeroo ilaalchisee shakkii guddatuu jira jedhameera.
Qamnii walabaa pirojektii mirga namooma Itoophiyaa jedhamu manni hidhaa Qilnxoo wayitaa Gubatu hidhamtaata du’aan 67 keessaa 45 pooliisoota mana hidhichaatiin akka ajjeeffaman gabaaseera.
hidhamtoonii mana Qilinxoo keessaa turan kuma 3 ta’uu gara manneen hidhaa naannoolee adda addaa jiranitti kan jijjiraman yoo ta’uu, Obboo Baqqalaa Garbaa fi namoonni biroo isaan wajjin himataman ammas mana hidhaa Qilnxoo keessa akka jiran beekuun danda’ameera..

Kun yemmuu Kanaan jiruu, Miseeensoonni garee komandi poostii mootummaa itoophiaa Falmaa Mirgaa namaa fi miseensa Biloogaarootaa Zoonii 9 jedhamuun beekamu Bafiqaaduu Hayiluu to’aannoo jala olchuun beekameeraa.

.Bafiqaaduu hayluu kanan duraas miseensoota garee Bilogaarii zoon 9 jedhamuun beekamu torbaa fi gaazexxeestoota 3 wajjiin hidhamee, abbaan alangaa ragaa qabatmaa dhiyeessuu waan hin dandeenyeef manni murtii federaalaa hiikun isaa ni yaadatamaa.
Erga manni murtii Federaalaa bilisaa baasee booda immoo abbaan Alangaa ol- iyyaannoo gaafatee waan himateef manni Murtii waliigalaa Federaalaa dhimmaa isaanii kana yeroo 5 ffaaf dhaggeeffachuuf gaafa guyyaa kibxataa dhufuutti bellameera.
Erga mootummaan Itoophiyaa labsii hatattamaa yeroo ji’oota jaha jechuun labsee booda miseensonni paartiilee mormitootaa, Gazeexxestoonni fi namoonni mirga namoomaaf morman hidhattoota mootummaa Itoophiyaatiin qabaman manneen hidhaatti guurramanii dararaamaa akkaa jiran waan beekamudhaa.