Manni Marii Mirgaa Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii seenaa Mirga Namoomaa biyyoota miseensa mana mariichaaf filatamanii xiyyeeffannoo keessa galchuu akka qabu hayyoonni hubachiisaniiru

Manni Marii Mirga Namoomaa mootummoota gamtomaanii yaa’iin waliigalaa ji’a Onkololeessaa dhufu gaggeessuun biyyoota lama miseensummaa mana mariichaa akka filatu gabaafameera.
Manni mariichaa biyyoota laman miseensummaan wayita filatu seenaa qabiinsa mirga namoomaa isaanii xiyyeeffannoo keessa galchuu akka qabu hayyoonni gaafataniiru.
Daayrikteeriin Foyya’insa Seeraa Yuunivarsiitii Naashinaalii Awustaraliiyaa Porofesaar Simoon Raayiit biyyoonni miseensa mana marii mirga namoomaaf filachuuf Seenaa mirgaa namoomaa caalaa dhimmoota Siyaasaaf xiyyeeffannoon kennama jira jedhan.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii yaa’ii biyyoota lama miseensummaan filachuuf gaggeessu kanan seenaa mirgaa namoomaa akka haaldureetti dhiyeessuu akka qabu gaafataniiru.
Awustaraliyaatti bakka bu’aan dhaabbata Human Right Watch Ileeyaan Paarsaan gamasantiin, biyyoonni haala qabiinsa mirga namoomaa isaaniin komatamn kan akka Itoophiyaa, Chaayiinaa fi Sawuud Arabiyaan miseensa mana mariichaa ta’uun filatamuun isaanii sirrii akka hin taane dubbataniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii filaannoo bara darbeetiin Itoophiyaa miseensa mana marii mirgaa namoomaa gochuun akka filate kan yaadatamudha.
Dhaabbileen mirgaa namoomaaf sadarkaa addunyaatti falaman filannoo Itoophiyaa kana mormanuun isaanii kan yaadatamudha.