Manneen barnootaa Afaan Oromoo Magaalaa Finfinneetti Ijaaraman Afur xumuraman

Kutaalee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hunda keessatti manneen barnoota Afaan Oromoo ijaaruuf dhga’aan bu’uura erga ka’aamee waggoonni muraasni darbeera.
Magaala Finfineetti dhimmi manneen Barnoota Afaan Oromoo ijaaruu kan yeroo filaannoo gahuu fi yeroo mormiin mormiin ummataa ka’u kan yaadatamu yoo ta’u, yeroo biroo immoo dagatamuun waggoota hedduu ittuu ojii irraa hin olin waggaata hedduu fudhachuun isaa waan beekamuudha..
Mormii Ummataa Oromoo waggaa tokko oliif biyyaatti raasaa tureen booda manneen barnootaa afaan Oromoo magaalaa Finfinneetti ijaaramu jalqabaman shan keessa 4 xumuramusanii miidiyaaleen mootumma gabaasaniiru.
Manneen barnoota kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee afur keessatti ijaaramanii xumuraman kunniin bara barnootaa 2010 irraa jalqabee baratoota kutaa 1 hanga 8tti afaan Oromootin barsiisuu ni eegalu jedhameera
Manneen barnootaa Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee 4n birrii miiliyoona 64 oliin akka ijaaraman himameera.
Manneen barnoota kunniin kutaalee bulchiinsa magaalaa Kolfee, Ekkaa, Nifaas Silk Laaftoo, fi Gullallee keessatti kan ijaaraman
Manneen Baroota maqaa gootota qabsa’oota Oromoon akka moggafamaniis himameera.
Qondaltoonni Mootummaa Oromiyaa manneen barnoota Afur ijaarun akkuma baratan galtee siyaasaf itti fayyadamuu akkasumas faayedaa addaa Oromiyaan magaala Finfinnee irra argatu wajjiin kan walqabatu akka hin taane himameera.
Manneen barnoota Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti ijaarun fayeeda addaa osoo hin taane mirga sabni kamuu ijoollee afaan ofiin barsiifachuun qabu akka ta’e namoonni yaada kennan dubbataniiru.