Magaalaan Harar saganttaa mana diiguu irratti guyyaa arraa rakkoo keeysa oolte.

Karoora mootummaan naannoo manneen kuma 2 oli jiigsuu irratti baafteen ummanni shorarkaa keessa jiraachuun hubatame. Manneen bara 10 niif jaaraa jirru maalif nutti calliftan jechuun Ummanni gaafataniis deebisaa takkallee hin arganne.
Bulchinsa Aanaa Shankoor itti manneen kumaa oli akka deegamuuf jiraatn waan karoorameef jecha guyyaa arraa riqicha aanaan Shankoorii fii dirree xayyaaraa walitti fidu biratti dhagaalee gurguddaa tuuluun daandii cufaati jiran.
Bakki Manneen irraa diiguff karoorame aanaa Shankoor, aanaa abookar, aanaa gaara haakim fii aanaa karra soofii tahuun barame. Aanaa goorgisitti humniti mana diiydu hujii jalqabuun ummanni guyyaa guutuu iyyaa lallabaa mormii geggeeysaa akka oolan barame.
Manguddichi tokko mana isaa kan diigamu agarraan rifaatuun lubbuun isaanii bahuuniis hubatame.