Magaalaa bahaardaariitti dargaggoonni magaalaatti boombii dhoosuu isaanii dhaga’ameera.

Magaalaa bahaardaariitti sababa labsii yeroo hatattamaa wajjin walqabateen hidhaa jirattootaa fi daldalttoota irra gahaa jiruu mormuun dargaggoonni magaalaatti boombii dhoosuu isaanii dhaga’ameera.
dargaggoonni tarkaniifii kana kan fudhatan ganda 03 naannoo oddoo mana jireenya hogganttoa paartiichaa obboo Galaataa fi Obboo silaashii jedhamuutti.
balaa dhoowinsi boombii kana qaqqabsiis waan beekamu hin jiru. oduu biraan immoo magaalaa xiis abbaayiitti moormii ummataa hogganaa kan turee Mikiruu Birhaanuu fi bartoonni sadii loltoota mootummaattiin ajjeeffamaniiru. yeroo balaan kun qaqqabuu namoonni afur kan ajjeeffaman malee namni Dasee Taddaasaa jedhamuu loltoota mootummaan ukkamsamee akka fudhatamee namoonni argan ESAT himaniiru. magaalaan Xiis Abbaayiis dhukkasaa rasaasaattin unkuramaa akka jirtu beekun danda’ameera.
magaalaa baahar daariitti immoo daldaltoonni yeroo mormii suuqii keessan cuftani jedhamuun mana murtiitti dhiyaatan maatiiwwaan isaanii dhaddachaa irrarti argaman baay’ee loltoota mootummaatiin ukkamsamanii fudhatamuun isaanii himameera.
mootummaan abba irree waayyaanee mormii ummaata tasgabeessuuf labsii hatattaamaa labsuus hawaasni moormii isaa akka hin dhaabne tajjabdoonni dubbataniiru.