Magaalaa Bahaar -Daar dhiheenya Hoteela Giraanditti dhoohiinsa boombii wajjiin walqabatee Mootummaan Biriitaaniiyaa lammiileen isaa akka of-eegaan akeekkachiiseera.

Magaalaa Bahaar- Daaritti dhiheenya Hoteela Giraandiitti boombiin waan dhooheef lammiileen Biriitaniiyaa magaalatti keessa jiraatan gorsa qondaaltonni naannoo isaaniif kennan hordofuu akka qaban Ministeerri Dhimma Alaa Biyyaatti akeekkachiiseera.
Mootummaan Biriiteen boombii dhoohee waliin walqabatee namni du’e akka hin jirre ibsuu malee odeeffannoo dabalataaa hin kenniine.
Mootummaan Biiriteen yeroo muraasaa asi haala nageenya Kaaba Gondor wajjiin walqabatee lammiileen biyyatti dhimma baay’ee murteessaa yoo hin taneen ala, gara naannoo Amaaraa godinaalee Gondoor akka hin imalle akeekkachiisee ture.
Akeekkachiisni Imalaa kun kan itti fufu ta’uu ministeerri dhimma alaa Biiriteen beeksiiseera. Lammiileen biyyattii gara Tsagadee, Dhihaa fi Taachi Armaachoo akka hin deemne hubachiiseera.
Boombiin dhiyeenya Hoteela Giraandiitti dhohuu ESAT namoota ijaan argan waabeffachuun roobii galgala gabaase ture.
Dhoohinsa boombii kun jiraattonni magaalattii akka hin tasgaboofne gochuunsaa himameera.
Labsii yeroo hatattamaa labsame waliin walqabatee Ameerikaan lammiileen ishee gara Itoophiyaa akka hin imalleef akeekkachiisuun ishee ni yaadatama.
Haa ta’u malee, mootummaan Itroophiyaa tarkaanfiin akeekkachiisaa mootummaa Amerikaa kun dhugaa lafa jiru irraa kan fagaate jechuun komateera.
Gamtaan Awurooppaa gama isaatin, labsiin yeroo hatattamaa mootummaan Itoophiyaa labse akka isaa yaaddesse beeksiisee ture.
Kana malees tarkaanfii loltoonni mootummaa fudhataniin lakkofsi namoota du’anii fi tarkanfiin fudhatame qaama walabaatiin akka qulqulla’uuf waamicha dhiyeesuun isaa ni yaadatama.