Magaala Londaniitti Balaa Ibidaa tibbaana gamoo tokko irratti qaqqabeen lammiileen Itoophiyaa shan hanga amma akka hin argamne himameera.

Dhihaa Magaala Londaniitti balaa Ibidaa gamaa tokko irra gaheen namoonni 17 akka du’aan gabaafameera. Namoonni 18 immoo du’aa fi jireenya gidduu jiru jedhameera
Lakkofsi namoota balaa ibidaa gamoo kana irra gaheen lubbu isaanii dhaban dabaluu akka danda’u himama jira.
Lammiileen Itoophiyaa miseensoota maatii tokkoo gamoo kana darbrii 28 ffaa irra jiraachaa turan Abbaa fi haadha dabalatee ijoolleen isaanii 3 balaa ibidaa kanan du’u malu jedhameera.
Lammiileen Itoophiyaa kunniin hanga ammatti asi buuteen isaanii waan hin beekamneef carraan lubbuun ni argamu jedh xiqqaa ta’uu himameera.
Gamoo kana irra dhalatoonii biyyoota Afriikaa baay’een kan jiraatan yoo ta’u, hanga amma namoonni 34 asi buuteen isaanii hin beekamne.
Sababa Balaa Ibidaa gamoo kana irra gahee maal akka ta’e hanga ammaatti adda bahee hin beekamne.