Magaala Finfinneetti konkolaachistoonni boba’aa dhabuun rakkachaa jiru jedhameera

Konkolaachistoonni magaala Finfinnee torbee darbee jalqabee boba’aa waraabbachuuf jecha buufataalee boba’aatti dabaree hiriira qabatanii rakkachaa akka jiran miidiyaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Boba’aa waraabachuuf jecha buufataalee boba’aatti saa’aatii hojii isaanii heddu dabarsaa akka jiran konkolaachistoonni himaniiru.
Dhaabbanni dhiyeessa boba’aa Itoophiyaa gamasaatiin, dhiyeessa boba’aa irratti rakkoon qaqqabe akka hin jirre beeksiseera. Dhaabbatich wagga waggaa caalbaasii sadarkaa addunyaatti baasuun boba’aa bitaa akka jiru ibseera.
Ministeerri Daldalaa immoo gaheen hojiisa gatii boba’aa baasuu qofa jechuun komii konkolaachistoota kana gara qaama biraatti dabarseera.
Maddii rakkoo hanqina boba’aa hojiin Itanoolii wajjiin walitti makuu yeroo dheeraaf addaan citee ture waan jalqabameef akka ta’e Ministeerri Albuudaa, Peteroliiyamii fi Gaazii Umaamaa beeksiiseera.
Qondaltoonni mootummaa hanqinni boba’aa amma qunname kun rakkoo yeroo waan ta’eef qaama dhimmi ilaalu wajjiin furuuf hojjacha jira jechuun sababa dhiyeessaniiru.
Hoggantoonni kaampaanii boba’aa tokko tokko rakkoon kun kan jalqabe erga hojiin Itanooliin waliitti makuu jalaqabame booda jedhaniiru. Yaa ta’u malee,boba’aa gahaa buufataalee boba’aatiif dhiyeessaniis sababa hin beekneen dhume akka jedhamu dubbataniiru.
Qondaltoonni mootummaa gamasantiin, konkolaachistoonni oduu hanqinni boba’a ni jira jedhu dhaga’aanii buufataalee boba’aatti hiriira wayita argan soodachuun boba’aa isaan barbaachisu ol waraabachaa waan jiraniif jedhan.
Konkolaachistoonni garuu rakkoon hanqina boba’aa kun isaa jalqabaa waan hin taaneef sababa qondaltoonni mootummaa dhiyeessan kan baratamee jedhaniiru.
Qondaltoonni mootummaa kanan dura yeroo adda adda guutuu biyyaatti hanqinni boba’aa wayita qunnamu dhiyeessii osoo hin taane rokkoo qindoominaat jechuun sababa fudhatama hin qabne dhiyeessa turan jedhaniiru