Maalaawwiin baqqattoota lammiilee Itoophiyaa seeraan Alaa gara daangaa ishee seenaan gara biyyaatti deebisuu beeksistee jirti

Waggoota laman darban lakkofsi lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daangaa qaxxamuruun gara Maalaawwii seenaan dabalaa akka dhufee qondaltoonni biyyaatti sirna kabaja Guyyaa Baqattoota Addunyaa irratti himaniiru.
Baqqattoota Itoophiyaa 100 ol manneen hidhaa keessa turan gara biyyaatti akka deebi’an taasfamuu isaanii gaazeexxan Maalaawwii Niyaasaa Laand jedhamu gabaaseera
Dhaabbileen Maalaawwii Mirga namoomaaf falman baqqattoonni Itoophiyaa manneen hidhaa biyyaatti keessa jiran nyaata gahaa dhabuu fi dhukkubsachaa jiru jechuun mormaa turaniiru
Yeroo ammaa Baqattoonni Lammiileen Itoophiyaa 120 ta’aan biyyoota sadi keessatti hidhamanii dararaamaa jiru. Qondaltoonni Maalaawwii baqqattoota yeroo ammaa manneen hidhaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf gargaarsi barbaadama jira jedhaniiru .
Ministirri Dhimma Biyyaa Keessaa Maalaawwii Bestiin Chiisamiilii gamasaniitiin, bara darbee lammiileen Itoophiyaa 300 ol gara biyyaatti akka deebi’aan himaniiru
Maalaawwii dabalatee biyyoota ollaa akka Tanzaniiyaa, Maalii fi biyyoota birootti keessatti baqattoonni lammiilee Itoophiyaa baay’een hidhamanii akka jiran ragaan dhaabbata Kooluugaltoota Mootummoota Gamtomaanii ni mul’isaa
Mormii Ummata Oromoo wajjiin walqabatee dargaggoonni baay’een gara Yaman, Sumaliiyaa,Sudaan fi Ijiptiitti baqachaa akka jiran beekameera.