Loltoonni Mootummaa Waayyaannee jirattoota magaala Amboo irratti dhukaasa banuun lubbuu namoota heddu galafataniiru.

Hiriira Mormii fi sakkata’iinsa konkolattoota shukkaara Fincawaadha fe’aanii gara finfinneeti imala turan irratti magaala Amboo fi Gudariitti taasifame lubbuu namoota akka darbuuf sababa ta’eera.
Jirattoonni magaalaa Amboo fi naannowashe akkuma kutaalee biyyaatti biroo hanqinaa fi qaala’iinsa gatii irraa kan ka’ee Shukkaara kiiloo tokko birrii 70 hanga 80 bitaa akka jiran himaniiru.
Rakkoon hanqina shukkaara ummata naannoo sana keessaa osoo jiru konkolattoonni seeraan alaa shukkaara fe’aanii gara hin beekamne imalaa sakkata’uun mormii uumaameera.
Hiriiraa fi sakkatta’insaa shukkaaraatiin kana wajjiin walqabatee mormii jalaqabamen Loltoonni Agaazii kallattiin ummataa irratti dhukaasun lubbuun namoota kudhanii ol yemmuu ajjeessaan 20 ol akka madeessan jirattooni magalaatti himaniiru
Magaala Amboo naannoo Tootal jedhamutti immoo loltoonni Agaazii konkolaataan Warshaa Simintoo Daangootee Simintoo kumtaala 400 fe’ee jiru gubuu isaanii namoonni argan ragaa bahaniiru.
Loltoonni Agaazii magaala Amboo keessatti jeequmsa babal’isuuf itti yaadanii konkolaticha akka guban himameera.
Yeroo amma magaala Amboo keessa loltoonni fi Pooliisiin Federaalaa baay’een akka mul’atan jiraatan magaalatti tokko Addis Standardiitti himaniiru.
Baay’inni loltoota fi miseensoota Pooliisii Federaalaa magaala Amboo keessatti mul’atu kan mormii kanan dura ture hunda akka caaluu gabaafameera.
Loltoonni Agaazii kunniin qabeenya namoota dhuunfaa fi warshaalee ibidan gubauun akkasumas uffata siivil uffachuun namoota ajjeessuun magaala Amboo gara jeequmsaatti jijjiiruuf yaalaa jiru jedhame.
Akkasumas sakkata’iinsa Shukkaara wajjiin walqabatee hiriira mormii magaala Gudaaritti jalqabeen loltoonni mootummaa namoota baay’ee akka miidhan gabaafameera.
Hiriira mormii fi sakkata’iinsa konkolattoota Shukkaara seeraan alaa fe’aanii deemaan irratti magaala Amboo fi Gudaaritti taasifame wajjiin walqabatee rakkoo uumameen Daandiin gara Amboo geessu akka cuufame himameera.
Oduu walfakkatuun, Loltoonni Agaazii Godina Qellam Wallaggaa Aannaa Daallee Waabara magaalaa Qaaqee keessatti namoota baay’een rasaasaan dhahuusaanii himameera.
Namoonni loltoonni Agaaziin miidhaan hospitaala Qaaqee keessatti waldhaanama akka jiranis himameera.
Tikooni mootummaa waayyaannee shira adda addaatti fayyadamuun naannoon Oromiyaa akka hin tasagaboofne fi dirree jeequmsa gochuf hojjacha akka jiran keessa beektoonni himaniiru.
Hiriirri yeroo amma naannoo Oromiyaa keessatti taasifamu qabsoo ummata Oromoo quuncursuuf karoora tikoota waayyaannee akka ta’e himameera.
Hiriirri kun bu’aa kan hin qabnee fi aarsaa hin barbaachisne kan kaffalchiisu waan ta’eef, qeerroon Oromiyaa gorsa jaarsoolii fi Pooliisii Oromiyaa dhaga’uu akka qaban qamooleen hawaasa adda addaa gaafataniiru
Gocha Seeraan alaa yookan Kontirobaandii yoo argan yookan immoo yoo shakkaniis Pooliisii Oromiyaatti hatattamaan himuun shira tikooni waayyaannee dhiiga lammii Oromoo dhangalasuuf itti fayyadamtu fashaleessu barbaachisa jedhameera