Liibiiyaatti Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa 260tti dhiyaatan garee namoota seeraan ala naanneessan qabamanii jiran akka isa yaadese Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa beeksiseera.

Lammiilee Itoophiyaa fi Somaaliyaa Liibiiyaatti garee namoota karaa seeraan alaan naanneessaaniin ugguraman keessa daa’immaan baay’een akka jiran dhaabbatichi himeera.
Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa Viidiyoo tibbaana marsaalee hawaasummaa irratti mul’atu waabeeffachuun haala lammiilee kanniin keessa jiran gaarii akka hin taane beeksiseera.
Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa dabalatee lammiileen biyyoota biroos keessa akka jiran himameera.
Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa Viidiyoo kana irratti mul’atan darara guddaan akka irra gahee dhaabbatichi himeera.
Gareen namoota karaa seeraan alaa naanneessuun waan reebamaniif ilkaan fi harki isaanii kan cabee akka jiran dhaabbatichi beeksiseera.
Baqattoonni kunniin guyyoota baay’eef nyaataa fi bishaan akka hin arganees himeera.
Baqattoota dubaratoota warra dhiiraa irra adda baasuun kuta biraatti waan hidhamaniif miidhaan qaamaa fi saalaa irra gahuu akka malu dhaabbatichi himeera .
Maatiin baqqattoota dolaarii kuma 8 hanga kuma 10 kan hin kaffalee yoo ta’e, namoota ugguraan akka ajjeessaan Viidiyoo marsaalee hawasummaa irratti maxxansaaniin akeekachiisa jiru
Baqattoonni Lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa kunniin maatii isaanii wajjiin bilbilaan erga waliin dubbatan yeroo dheeraa akka ta’eef bakki amma jiran qabatamaan hin beekamu jedheera.
Baqataan lammii Somaaliyaa waggaa tokkof uggurame ture , guyyaa guyyaan reebamu, Nyaata dhabuu fi Qaamni isaa akka mada’ee himeera .
Guyyoota Afuriif nyaata nyaachuu baatuus irra caalaa kan isaa rakkisuu guyyaa guyyaan reebamu akka ta’ees lammiin Somaaliyaa kun dubbateera.
Gareen Seeraan alaa kun maatiin dargaggeessa tokkoo maallaqaa gaafataman waan hin kaffaleef dhagaa guddaa baachiisuun akka adabbiitti itti fayyadamuu isaa gabaasni dhaabbatichaa ni mul’isa.
Dargaggeessi kun ji’oota 11f kan hidhame yoo ta’u, reebama waan tureef ilkaanii fi harki isaa akka cabe himameera.
sababni immoo maatiin isaa dolaarii gaafataman kaffaluu waan hin dandeenyeef jedhameera.
Lammiin Itoophiyaa waggaa tokkof ugguramee jiru biroo immoo gargaarsi taasifameef gara biyyaatti deebi’uu akka barbaadu dubbateera.
Guyyoota Afuriif nyaata akka hin argannee fi waan reebamuuf qaamni isaa akka mada’e himeera.
Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa gamasatiin, lammiileen Itoophiyaa fi Somaaliyaa wayita dararamaan ilaalun akka sodaachiise beeksiseera.