Lammileen Itoophiyaa Taanzaaniyaadhaa gara Keeniyaa geeffaman deebi’anii gara Taanzaaniyaatti deebi’uuf akka ta’e himame.

Torbee darbe mootummaan Taanzaaniyaa daangaa Keeniyaa akka qubatan kan taassise baqattootni Itoophiyaa 70 ol deebi’anii gara Taanzaaniyaa akka dhaqan hoggantootni keeniyaa irra deebi’uun ibsan.

Biyyoonni lamaan waa’ee lammilee Itoophiyaa kanneen waliigaltee dhabuu keessa jiraatanis ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa garuu waa’ee baqattoota kanaa oddeeffannoo akka hin qabne beeksise.

Haa ta’u malee baqattootni kunneen gara daangaa Keeniyaa akka hin galle eegicha taassisaa kan jiran hooggantootni imigireeshiinii keeniyaa lammileen Itoophiyaa 74 kunneen gara Taanzaaniyaa deebi’anii akka deeman irra deebiin mirkaneessuu isaanii gaazexaan keeniyaa zestaar jedhamu gabaase.

Humnootni nageenyaa Keeniyaa lammilee Itoophiyaa kanneen keessaa jaha dhuma torban darbee karaa seeraan alaa biyya keessa seentaniittu jechuun to’annaa jala oolcheera.

Namootni kunneen osoo gara Taanzaaniyaa imalaa jiranii daandii irraa qabamuu isaaniis poolisiin keeniyaa baqattoota kanneen wabeefachuun himeera.
Biyyattiin baqattoota Itoophiyaa gara keeniyaa galan hir’isuuf eegumsa daangaa irraa cimsitus guyyaa guyyaan baqattootni galaa akka jiran hubatameera.

Tasgabbii dhabuu siyaasa Itoophiyaa dheessuun gara biyyoota garaagaraatti lakkoofsi lammilee baqatanii daran dabalaa akka jiru ragaan dhaabbata baqattoota mootummota gamtoomani ni mul’isa.

Bara 2015 qofaatti lammilee Itoophiyaa kuma 70 ta’an gara biyya furmaata waraanaa hin argannee Libiyaatti kan baqatan yemmuu ta’u, sochiin kun yaaddessaa ta’uu dhaabbatni mootummoota gamtoomanii hime.

Itoophiyaan sudaan waliin karaa itti daangeffamtu buufata eegumsaa haaraa ijaaruun lakkoofsa baqattootaa hir’isuuf hojjetaa jiraatus lammileen baayyeen daangaa ce’aa akka jiran hubatameera.