Lammileen Itoophiyaa Taanzaaniyaa irraa gara Keeniyaa geeffaman gara Taanzaaniyaatti deebifamuuf akka taa’an himame.

Torbaan dabre baqaattoota 70 lammii Itoophiyaa kanneen mootummaan Taanzaaniyaa daangaa Keeniyaa gubbaa qubachiifte turte deebi’anii gara Taanzaaniyaa akka deebifaman hoggantoonni keeniyaa irra deebi’uun ibsan.
Biyyoonni lamaan waa’ee lammilee Itoophiyaa kanairratti waliigaltee dhabuu keessa jiraatanis ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa garuu waa’ee baqattoota kanaa oddeeffannoo akka hin qabne beeysise.
Haa ta’huu malee baqattoonni kun gara daangaa Keeniyaa akka hin seenne eegaa kan jiran hooggantoonni imigireeshiinii keeniyaa lammileen Itoophiyaa 74 gara Taanzaaniyaa deebi’anii akka deeman irra deebi’anii mirkaneeysuu isaanii gaazeexaan keeniyaa za istaar gabaase.
Humniti nagayaa Keeniyaa waayee lammiilee Itoophiyaa 74 tiin mudamsuurra osoo jiranuu dhuma torbaan kanaa tti poolisoonni keeniyaa baqattoota lammii Itoophiyaa 6 heeraan ala biyya seentan jechuun too’annaa jala oolchuu ibsan.

Namoonni too’annaa jala oolan kuni osoo gara Taanzaaniyaa imalaa jiranii daandii irraa qabamuu isaaniis poolisiin keeniyaa baqattoota ragaaf tilmaamuun himaaniiti jiran.
Lakkoofsa baqattoota Itoophiyaa irraa gara keeniyaa seenanii irrisuuf keeniyaan eegumsa cimaa gootuus baqattoonni guyya guyyaan akka keeniyaa seenaa jiran hubatamadha.
Tasgabbii dhabuu siyaasa Itoophiyaa dheeysuun gara biyyoota gara garaatti lakkoofsi lammilee baqatanii daran dabalaa akka jiru ragaan dhaabbata baqattoota mootummota gamtoomani ni mul’isa.
Bara 2015 qofaatti lammilee Itoophiyaa kuma 70 ta’an gara biyya nagaha hin qabne Libiyaatti kan baqatan yoggaa ta’hu, sochiin kun haalaan yaaddessaa ta’huu dhaabni mootummoota gamtoomanii himee jira.
Itoophiyaan daangaa sudaan irratti buufata eegumsaa haaraya jaaruun lakkoofsa baqattootaa irrisuuf hojjataa jiraattuus lammileen hedduun daangaa qaxxaamuraa akka jiran hubatame.