Lammileen Itioophiyaa eyyama jireeenyaa malee Saawud Arabiyaa jiraatan keessa kan sanada imalaa fudhatan kuma 23 qofa akka ta’an mootummaan Itoophiyaa beeksiiseera.

Mootummaan Saawud Arabiyaa lammilee biyya alaa eyyama jireenyaa fi hojii hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhiisaanii akka bahan labsuun kan yaadatamudha.
Labsii mootummaan biyyaatti lammiileen biyyoota alaa kamuu eyyama jireenya hin qabne biyyaatti akka bahaniif labse kanan lammiileen Itoophiyaa baay’ee akka miidhu himameera.
Lammiileen Itoophiyaa eyyama jireenyaa malee Saawud Arabiyaa keessa jiraatan lakkofsi isaanii kuma 400tti akka tilmaamamu himameera.
Labsii dhiifaamaa mootummaan Saawud Arabiyaa labse kanatti fayyadamuun lammiileen Itoophiyaa kumni 23 gara biyyaatti deebi’uuf sanada imalaa fudhachuusaanii Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Obbo Mallaas Alam himaniiru.
Guyyoonni 90 mootummaan biyyaatti labse kana keessa wadhakaan darbus baay’inni lammiilee gara biyyaa deebi’aa jiran xiqqaa akka ta’e obboo Mallaas beeksiseera.
Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’anii kun hanga yaadame akka hin taane dubbataniiru
Lammiileen Saawud Arabiyaa deebi’an meeshaa isaanii ashuuraan malee gara biyyaa akka galchaniif deeggarsi taasifamaaf jira jedhan.
Imbaasii fi waajjiraalee Qoonsilaa Itoophiyaa Saawud Arabiyaatti argaman humna namaa fi maallaqaan cimsuun lammiileedhaaf Sanada imalaa akka kennaakka jiran himaniiru.
Mootummaan Saawud Arabiyaa guyyoota 90 keessatti namoota seeraan alaa biyyaatti keessa jiraatan irratti tarkaniiffii humnaan biyyaa baasuu hanga adabbii adda addaa akka fudhatu akeekkachiiseera.
Lammiileen Itoophiyaa baay’een biyyaa keessatti carraa hojii fi haala mijaata waan dhabaniif gara biyyoota gara garaatti baqatanii jireenya sukkaneessa jiraacha akka jiran ragaaleen gara gara ni mul’isu.
Mormii Ummataa wajjiin walqabatee tarkaniiffii sukkaneessa loltoonni mootummaa fudhatan jala bahuuf dargaggoonni baay’een gara biyyoota gara garaatti baqachuuf akka dirqaman ragaaleen ni mul’isa.