Lammileen Gibtsii Lama magaalaa Finfinneetti hidhamaniiru

Lammilee Gibsii Magalaa finfinnetti  sababa hin beekamnee hidhaman keessa  tokko itti aanaa Hogganaa hoteelaa Raadisan Biluu jedhamuu akka ta’e Gaazeexxoonni biyyaa keessatti maxxanfaman gabsaaniiru.

Waggaa Afur duraa Hoteela  Raadisan Biiluu biyyaa Gibtsii jiru irra gara finfinneetti kan  jijjiraman  itti aanaa hotelicha Tahaa Mansuur osoo hojii irra jiran  humnoota nageenya mootummaa Itoophiyaatiin to’aannoo jala ooluusani gaazeexxaan Kaappitaal gabaasera. lammiin Gibtsii inni lammaffaan to’aannoo jala olee  dhaabbannii inni keessa hojjatuu fi eenyummaan isaa yeroof kan hin beekamne yoo ta’u, abbaan alangaa waliigalaa Federaalaa  guyyoota dhufan keessa ragaa dabalataa akka kennuu ni eegama.

Imbaasiin Gibtsii Magaalaa Finfinneetti  argamuu waa’ee lammiilee biyyatti hidhaman kanniin ilalchiisee ibsa hin kenniinee. Ministirri dhimmaa alaa Gibtsii Saamii Shukur waa’ee dhimma lammilee biyyaa isaanii mootummaa itoophiyaatiin hidhamanii ilaalchisee  qondaltoota Itoophiyaa wajjiin magaalaa Finfinneetti  ni mar’atu jedhamee eggama

Mootummaan Itoophiyaa mormii cimaa waggaa tokkoo oliif  Ummataa oromoo irraa isaa qunnamee wajjiin walqabatee mootummaan Gibtsii harka keessaa qaba jechuun komachaa jira. Qondaltoonni Gibtsii garuu biyyii isaanii dhimmaa biyyaa alaa keessa akka hin seenee himuun komiin mootummaa Itoophiyaa kun kan dhugaa irra fagaatee ta’uu yeroo gara gara beeksisaaniiru.

 Hojiira oolmaa Labsii hatattamaa wajjiin walqabatee humnoonni nageenya mootummaa Itoophiyaa eyyama mana murtii malee mana manarra deemuun sakkata’aa  jiru.  duulaa torbee laman darbanii qofaan  lammileen Itoophiyaa kumatamatti lakkawwaman giddugalaa leenjii loltummaa fi manneen hidhaa yeroo keeessatti hidhamanii dararamaa akka jiran ni beekama.