Lammiin Itoophiyaa namoota 181 seeraan ala gara Maaltaatti geejjibsiise seeratti dhiyaateera.

Lammiin Itoophiyaa waggoota 11 dura fayeedaa dhuunfaa argachuuf jecha namoota 181 seeraan ala doonidhaan Kaaba Afrikaa irraa gara maaltaa ceesiise himatame tokko dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamuu akka jalqabe gaazexaan Maaltaa Indipindaant jedhamu gabaaseera
Lammiin Itoophiyaa gaa’eessa waggaa 58 Haadduush Abbaay akka lakkofsa warraa faranjoota fulbaanaa 2005 imala seeraan alaa qindeessuun seeraan ala namoota 181 dooniidhaan gara Maaltaatti ceesiiseera jedhameera
Obboo Haadduush akka lakkoofasa warr faranjoota bra 2006 to’aanno jala oolee mirgi wabii eegameef mana hidhaatii erga bahee booda biyyaatti gadi dhiisee akka bade Televizhiinii Maaltaa gabaaseera.
Namni kun biyyatti gadi dhiisee waan badeef adeemsi mana murtii addaan citee turee jedhameera. Humnoonni nageenyaa biyya Siwizarlaandii ji’a caamsaa darbe Obbo Hadduush to’annoo jala oolchuun dabarsanii Biyyattiif waan kennaniif dhimmichi mana murtiin ilaalamuu jalqabeera.
Obbo Hadduush namoota gara Awurooppaan deemuun jireenya haaraa jiraachuu barbaadaniirra mallaaqaa fudhachuun iciitiidhaan imala seeraan alaa qindeessuun namoota Liibiyaa irraa gara Maaltaatti ceesiisaa akka ture himameera.
Abbootiin seeraa sagaal himmnnaa obboo Haadduush kana irratti murtii kennuuf ragaalee adda addaa ilaalu jalqabaniiru.
Himatamaan kun qamoota sadaffaa wajjiin ta’uun namoota gara Maaltaa akka ceesiisee yakkaa himaannaa kanaratti himameera.
Obboo Haadduush erga namoota gara maaltaa ceesiisee booda baqattoonni hundi maallaqaa imalaaf kaffaluuf waadaa galan kaffaluu isaanii mirkaneeffachuuf Maaltaa daawwatee akka turees beekameera