Lammiileen saba Tigraay Naannoo Affaar keessa jiraatan Gaaffii Aanaan Addaa akka isaaniif hundeeffamu gaafataniin Aanaa Ab-aalaa gara naannoo Tigraayiitti dangeeessuuf yaala akka jiran himameera.

Gaaffiin Aanaan Addaa akka isaaniif hundeeffamuuf lammileen saba Tigraay naannoo Affaar keessa jiraatan dhiyeessan Mana Marii Federeshiiniin fudhatama akka dhabe gaazexxaan Ripportaar jedhamu gabaaseera.
Dhalattoonni Saba Tigraay Bulchiinsa Naannoo Affaar keessa jiraatan Aanaan addaa akka isaaniif hundeeffamuuf gaaffii isaanii mana marii naannichaaf dhiyeessanii fudhatama akka dhabe kan yaadatamudha
Gaaffiin dhugaa jiru garuu aanaa addaa akka isaaniif hundeeffamu gaafachuun yeroo hundeeffamni aanaan addaa eyyamameef booda immoo naannoo Tigraay jalaatti buluu qabna jedhanii gaaffii dhiyeessuuf haala mijeeffachuuf akka ta’e himameera.
Laammiileen saba Tigraay naannoo Affaar jiraatan kunnii gaaffii hundeeffama Aanaa addaa gara mana marii Federeshiiniitti iyyaataniiru.
Koree Heera mootummaa fi Dhimmoota Eenyummaa mana marii Federeshiniichaa gaaffii kana erga qulquleeffate booda yaada murtii yaa’ii mana marii Federeshiiniif dhiyeesseera.
Koreen kun gaaffiin lammiileen saba Tigraay naannoo Affaar Aanaa Ab-Aalaa keessa jiraatan dhiyeessan naannichaa keessatti mirgiin ofiin of-bulchuu waan isaaniif hin kabajamneef jedheera.
Gaaffiin ofiin ofi- bulchuu mootummaan naanniichaan deebii waan argateef gaaffii amma dhiyaate rakkoo bulchiinsa gaarii jiru wajjiin kan walqabatu jedheera.
Haaluma kanan gaaffiin hundeeffama Aanaa Addaa dhiyeessan fudhatama hin qabu jechuun mani marii Federeshiinii murteesseera.
Aanaa Ab-aalaa naannoo Affaar keessatti kan argamtu yoo taatu, lammiileen saba Tigraay gara naannoo Tigraayiitti akka dangeeffamtuuf yeroo adda addaa yaala turaniiru.
Aanaa kana keessatti lammiileen saba Tigraay aangoo mootummaa fi Diinagdee hunda saba Affaar gara maddiitti dhiibuun akka dhuunfaatan ragaaleen ni mul’isu.
Aanaaleen Naannoo Affaar gosa Albuudaa adda addaan beekaman hundi to’aannoo abbooti qabeenya saba Tigraay jala akka jiran kan beekamudha.