Lammiileen Itoophiyaa mirgi namoomaa akka kabajamu dhaabbatan hundi dhaabbata ”Dimokiraasii Itoophiyaadhaf ”jedhamuutti akka makaman waamichi dhiyaateera.

Dhaabbanni Dimokiraasiin Itoophiyaadhaaf jedhamu dhaabbata mirgi namooma bu’uura lammiilee Itoophiyaatiif akka kabajamuuf hojjatu ta’uu Pirizidaantin waldaa barsiisoota Itoophiyaa duraanii Dr Taayyee Walda Samayaat beeksisaniiru.
Mirgi namoomaa sadarkaa addunyaatti akka kabajamuuf murteeffame mirga nyaachuu, dhuguu , Eggumsa fayyaa Argachuu fi walqixxummaa saalaa fa’a akka ta’e Dr Taayyeen himaniiru.
Mirgi yaada ofii Bilisaan ibsachuu fi odeeffannoo argachuu dagagina dimokiraasiitiif bakka gudda akka qabus himaniiru.
Dhaabbanni Dimokraasiin Itoophiyaaf jedhamu mirgi namoomaa fi sirni dimokraasii akka dagaaguuf kan hojjatu waan ta’eef namni kamuu mirga namoomaaf falmuu dhaabbata kana wajjin qindominaan akka hojjechuu danda’u Dr Taayyeen waamicha dhiyeessaniiru.
Itti aanaa Pirizidaantii paartii Tokkummaa Ummata Itoophiyaa fi miseensi koree hojii raawwachiistuu Paartii Qindoominaa duraanii obboo Abbayinaah Birhaanuu gamasanitiin, gareen mormitootaa hundi wajjin akka hojjatan waamicha dhiyeesaniiru.
Bu’aan hojii kophaa fiiguu dhumni isaa kuufaatii akka ta’e hubachiisaniiru.
Aadaa tokkummaa fi wajjin hojjachuu ummanni Itoophiyaa gabbifate irraa barbaachiisummaa wajjiin hojjachuu beeku qabna kan jedhan immo miseensa koree hojii raawwachistuu paartii Qindominaa duraanii Aaddee Nigist Gabra Hiwoot.
Gaaffiiwwaan adda addaa hirmattoota irra dhiyaataniif Dr Taayyeen deebii kennuun walgahiin magaalaa Washingitaan DC tti Ta’ame kun xumurameera