Lammiileen Itoophiyaa kumni 50n Saawud Arabiyaa gara biyyaatti deebi’uu isaanii himameera.

Lammiileen Itoophiyaa eyyama jireenya malee Saawud Arabiyaa jiraachaa turan labsii biyyaatti hordofuun gara biyyaatti deebi’aa jiru.
Hanga ammaatti lammiileen kumni 50n gara biyyaatti akka deebi’an Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa eyyama jireenya malee Saawud Arabiyaa jiraatanii fi kan hanga amma gara biyyaatti deebi’aan kan wal gitu miti jedhameera.
Guyyoota dabalataa 30n Saawud Arabiyaa kennitetti fayyadamuun lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa deebi’aa akka jiran himameera.
Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi Saawdii Arabiyaa lammiilee Itoophiyaa gara biyyatti deebisaa akka jiran dubbi himan Minsteera Dhimma Alaa Itoophiyaa Obboo Mallaas Alam himaniiru.
Mootummaan Saawud Arabiyaa lammiileen biyyoota alaa eyyama jireenya hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhisaanii akka bahaniif labsuun ni yaadatama.
Biyyoonni baay’een guyyoota jedhame keessatti lammiilee isaanii Saawud Arabiyaadha baasaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa kumatamatti lakkawaman garuu sababa gatii geejjibaa daandii qilleensa Itoophiyaa Olaanaa ta’ee fi filannoo geejjibaa biroo hin qabneef biyyatti deebi’uu akka hin dandeenye himameera.
Guyyoonni 90n mootummaan biyyaatti labse waxabajjii 20 kan xumurae ta’uus lakkofsi laammiileen Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’aan gadi aanaadha jedhameera.
Mootummaan Saawud Arabiyaa guyyoota 30 dabaluus lammiileen Itoophiyaa maallaqaa kaffaltii geejjibaa hin qabne achuma turuu filataniiru.
Lammiileen eyyama jireenya hin qabne biyyaatti kan hin baane yoo ta’e balaan kanan dura lammiilee Itoophiyaa irra gahee ture isaaniis mudachuu danda’a jedhame soodatameera.
Mootummaan Itoophiyaa lammiilee kaffaltii geejjibaa hin qabneef filannoo biraa barbaadun gara biyyaatti akka deebisuu gaafatameera.
Daandii Qilleensa Itoophiyaa bu’aa yeroo irra nageenya lammiileef dursa kennu lammiilee Itoophiyaa Maallaqaa geejjibaa hin qabne gargaaru akka qabu kutaaleen hawaasaa adda addaa gaafataniiru.
Hanga ammatti lammiileen Itoophiyaa labsiin mootummaa Saawud Arabiyaa isaan ilaallu kumni 100 fi kumni 11 ragaa imalaa fudhachusaanii gabaafameera.