Lammiileen Itoophiyaa biyyaa bahuuf yaalan to’aanno jala Ooluusaanii pooliisiin beeksiiseera.

lammiileen Itoophiyaa 105 konkolattoota fe’uumsaa lamaan gara naannoo Sumaaleettin biyyaa bahuuf yaalaan to’aannoo jala akka olchee pooliisiin naanniichaa beeksiiseera
Lammiilee gara biyyaa alaatti baqachuuf osoo yaalaan to’aanno jala oolaan keessa 24 dubartoota jedhameera. Konkolachistoota namoota gara seeraan alaatiin biyyaa baasuuf yaalaan 2 keessa tokko to’aanno jala wayita qabamu tokkoo yeroof akka hin qabamne pooliisiin naanniichaa beeksiiseera.
Lakkofsi lammiileen Itoophiyaa baqatan waan dabaleef mootummaan daangaa irratti to’aannoo cimseera. To’aannoo Daangaa cimuus lakkofsi lammiilee Itoophiyaa gara Sudaan, Jibuutii,Sumaliiyaa fi Keeniyaatiin baqatanii yeroodha gara yerootti dabalaa dhufeera.
Bara Farnjoota xumuramaa jiru kana qofaatti lammiileen Itoophiyaa kuma 90 ta’a gara biyyaa Yaman waaraana wali wajjiiniin unkuramaa jirtuutti akka baqatan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii beeksiiseera
Dhimmii lammiilee Itoophiyaa gara Yamaniitti baqachaa jiranii furmaata argachuu waan hin dandeenyeef dhaabbaatich Itoophiyaa keessatti duulaa barnoota hubaannoo uumuu akka jalqabe beeksiiseera
Balaa tirafiikii torbaan tokkoon dura lammiilee Itoophiyaa dangaa Moozambikiin qaxxamuruun Afriikaa kibbaa galuuf yalaniirra gaheen namoonni 15 caalaan akka du’aan ni yaadatama
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokkoo oliif mootummaa Itoophiyaa hudhee qabeen booda dargaggoonni baay’een biyyaa baqachaa akka jiran gaabafameera