Lammiilee Itoophiyaa Saawud Arabiyaa irraa gara biyyaatti ni deebi’u jedhaman kuma 700 keessa hanga amma kan deebi’aan kuma 21 hin caalaan jedhame.

Mootummaan Saawud Arabaiyaa lammiileen biyyoota alaa eyyama jireenya hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhisanii kan hin baane yoo ta’e tarkaniiffii akka fudhatu beeksisuun isaa kan yaadatamudha.

Labsii Mootummaa Saawud Arabiyaa labseen lammiileen Itoophiyaa kuma 700 fi kuma 50tti dhiyaatan biyyaatti gadidhisanii akka bahan Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa beeksiiseera
Yaa ta’u malee, lammiileen Itoophiyaa hanga amma gara biyyaa deebi’an kuma 21 akka hin caale Minsteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.
Guyyoonni 90n mootummaan Saawudii lammiileen biyyoota alaa eyyama jireenyaa hin qabne akka bahaniif labse xumuramuuf guyyoonni miraasni kan hafan ta’us, lammiilee Itoophiyaa gara biyyaa deebi’aanii xiqqaa akka ta’e hubatameera.
Minsteerri Dhimma Alaa gamasatiin, Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa gara biyyaa deebi’anii xiqqadha jechuu malee sababa maaliif xiqqaa akka ta’e odeeffannoo dabalataa kenne hin jiru
Lammiileen Biyyoota gara garaa kumni 300 fi kumni 45 Ji’oota lamaan darban qofa Saawudii gadidhisanii akka bahan Tajaajil Pirees Saawudii gabaaseera.
Labsiin Mootummaan Saawud Arabiyaa namoonni eyyama jireenyaa hin qabne biyyaatti akka bahaniif labse kun lammiilee biyyoota adda addaa miiliyoona 1.5 akka ilaallatu gabaafameera.
Guyyoota 20n hafan keessatti namoonni labsiin kun isaan ilaallatu biyyaatti gadi dhisanii akka bahan qondaltoonni Saawudii hubachisaniiru
Lammiileen Saawud Arabiyaa namoota eyyama jireenya hin qabne qacaraanii hojjachiisan irrattiis tarkaniiffiin akka fudhatamu qondaltoonni biyyaatti himaniiru.