Lammiilee Biyyoota Baha Afriikaa miiliyoona 27ti dhiyaataniif gargaarsiu midhaan nyaataa ni barbaachisa jedhame.

Balaa hongee cimaa biyyoota gaanfaa Afriikaa mudate wajjiin walqabatee namoota miiliyoona 27ti dhiyaataniif gargaarsi midhaan nyaataa akka barbaachisu Dhaabbanni Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii beeksiseera.
Akka gabaasa dhaabbatichaatti ji’oota jahan darbaan qofa lakkofsi lammileen biyyoota gaanfaa Afriikaa gargaarsa midhaan nyaataaf qa’ee isaanii gadi dhisaanii baqatan dabalaa akka jiru dhaabbatich himeera.
Balaa hongee, midhaan yeroon omishamuu dhabuu, walitti bu’iinsa, nageenyi amansiisaan dhabuu fi rakkoolee biroo wajjiin walqabate lakkofsi lammiilee biyyoota Baha Afriikaa qa’ee isaaniirra baqatanii dabaluu ni mala jedhameera.
Roobni naannichaatti roobuu yeroo isaa kan eegee waan hin taaneef rakkoon jiru akka babal’atuuf gumaacheera
Rakkoon hawaasummaa yeroo ammaa biyyoota gaanfa Afriikaa mudate seenaa naanniichaa keessatti isa cimaa akka ta’e gabaafameera
Balaa Hongee biyyoota Bahaa Afriikaa mudate kanan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 7 ol gargaarsa midhaan nyaataaf akka saaxilaman ni yaadatama.