Lamiileen itoophiyaa Godina Gondor kaabaa naannoo Matammaa jiraatan hidhatoota mootummaa sudaanii wajjin waliti bu’anii egaa sudaanota 5 ajeesanii buuddee ,mootummaan sudaan qondaala isa tokkoo gara itoophiyyaati ergeera.

Akkaa oduun madda oduu biyyootan lamman irraa bahee ibsutii , Ministirrii dhimma alaa Itoophiyaa Tewodiroos Adhaanoom fi Ministirri Mootummaa Sudaan Kamaal Ismaa’il gaafa facaasa finfinneetti wal arganii marii godhaniiru.
Waxabajjii 25 bara 2008 Gondor Kaabaa aanaa Armaacooho gammoojjii Sinaanaa keessatti loltoota Sudaan lafa qonnaan bultoota Itoophiyaa fudhachuuf socho’an irratti qonnaan bultooni Itoophiyaa dhukaasa bananiin loltoota shan ajjeessuni isaani fi lamiin Itoophiyaa tokko du’un isaa gabasamuun niyaadatama.
Yemmuu Qonnaan bultonni Itoophiyaa fi loltoonni Sudaan wal lolan sanatti loltonni Itoophiyaa naanicha jiran tarkaanfii utuu hin fudhatin callisanii ilaaluu kan himan jiraattonni gocha sana Mootummaa Itoophiyaa fi Sudaan tu waliin ta’uun raawwachaa jira jechuun aarii qaban ibsaniiru.
Lafa sana Mootumaan Itoophiyaa kanaan dura Mootummaa Sudaniif akka laatee kan dubbatan jiraattonni ummanni garuu humna isaatiin akka lafa sana eegachaa jiru hiamniiru.
Mootummaan Itoophiyaa jiraattonni naanicha meeshaalee waraana hidhatanii jiran akka galchaniif gaafachaa kan jiru yemmuu ta’u, ummanni galchuuf fedhii akka hin qabne himamaa kan jiru ta’us, naanichatti tasgabbiin akka hin jirre jiraattonni Isat tti himaniiru.
Daangaa Itoophiyaa fi Suudaan irratti qonnaan bultonni El Gedaref milishoota Itoophiyaatiin haleellamanii lafti isaanii midhaan waliin irra fudhatamuu torbe lama dura gabaasuun keenya ni yaadatama.
Sudaan Bahaa kutaa bulchiinsa El Gederefitti milishoonni Itoophiyaa lafa qonnaa fudhachuun oomishni lafa sana irra ture akka manca’e fi milishonni Itoophiyaa lammiilee nagaa naanichaa ajjeesanii turan.
Tasgabbii dhabuun naanichatti umame sochii daldalaa biyyoota lamaan giddutti geggeffamaa ture akka dhaabsisee fi Mootummaan Sudaan humna waraanaa biyyaa eegu akka erguuf qonnaan bultonnni Sudaan gaafachuun akkasumas daangaan biyyoota lamaan giddu jiru hatatamaan akka sararamuu qabu gaafachu isaanii kan gaabsaa turre yemmu ta’u, daawwiin Qondaala Mootumma Sudaan kun gooalama nannoo daangaa jiru sana tasgabessuuf akka ta’e oggeeyyooni siyaasa naannichaa ni ibsu.