Lakkoofsi Lammiileen Itoophiyaa gargaarsi midhaan nyaataa isaan barbaachisu Miiliyoona saddeeti olii gahuun himame

Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa gargaarsa midhaan nyaataa isaan barbaachisu miiliyoona torbaa fi kuma dhibba saddeeti irra gara miiliyoona sadeetii fi kuma dhibba shaniitti akka ol guddate himameera
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 8 fi kumni dhibba shan ji’oota shanan dhufaniif gargaarsa middhaan nyaataa akka isaan barbaachisu Koomishiniin Yaaddoo Balaa fi Bulchiinsa Hojii Biyyoolessaa beeksiseera.
Qorannoo Caamsaa 15 hanga Waxabajjii 15, 2009tti geggeffameen lakkofsi lammiilee gargaarsi midhaan nyaataa isaan barbaachisu kanan dura miliyoona 7.8 irra ture gara miliyoona 8.5tti ol guddachuusa akka mirkana’ee himameera
Sababa hanqina roobaa wajjiin walqabatee Oomisha gahaa oomishuun waan hin danda’amnee fi hanqinni bishaanii waan jiruuf lakkofsi lammiilee gargaarsa midhaan nyaataa barbaadanii akka dabaluuf gumaacheera.
Kana malees Roobni arfaasaa yeroon roobu dhabuu fi gahaa ta’uu dhiisuu akkasumas margi dheedichaa waan hir’ateef lakkoofsi namoota gargaarsa barbaachisuu akka dablee himameera
Guddinni Diinagdee Mootummaan Itoopohiyaa waggoota darbaan odeessu lammiilee biyyaatti wagga waggaa balaa beelaa fi gargaarsa midhaan nyaataa eeggachuu irra baraaruu hin dandeenye jedhameera.
Mootummaan Itoophiyaa Diinagdee biyyaatti wagga waggaan harka laman guddachaa akka jiru himuus lammiileen biyyaatti kan yeroo kamuu caalaa jireenya gadadoo keessa akka jiran himameera.