Lakkofsi Turistoota Itoophiyaa daawwatanii fi galiin damee kanarra argamu foyya’uu dhabuun akka isa yaaddeesse Ministeerri Aadaa fi Turiziimii beeksiiseera.

labsii yeroo hatattaamaa labsamee wajjiin wal qabatee lakkofsi turistoota Itoophiyaa daawwatanii baay’ee akka xiqqatee himameera.
Ji’oota sadeen darban lakkofsi turistoota Itoophiyaa daawwatanii xiqqachaa akka dhufe qondaltoonni ministeera Aadaa fi Turiziimii miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru
Bara darbe turistoonni biyyoota gara gara kuma 900 ol Itoophiyaa daawwataniiru. Turistoota waggaa darbee biyyaatti daawwataniirra galiin dolaarii biiliyoona sadii ol akka argamee Ministeeriich beeksiiseera.
Haala Tasgabbii biyyaatti wajjiin wal qabatee galiin bara kana Itoophiyaan damee Turiziimii irra argachuuf karoorfate dolaarii miiliyoona 400 oliin hir’achuu akka danda’us Afriikaan Niwuus gabaaseera.
lakkofsi Turistoota biyyaatti daawwatanii foyya’uu waan hin dandeenyeef Imbaasiwwaanii fi qonsilaawwaan Itoophiyaa biyyoota adda addaa keessa jiran hojii turistoota amansiisuu akka hojjatan mootummaan ajaajamuusaanii beekameera.
Mootummaan Amerikaa fi Biiriteen Lammiileen isaanii gara Itoophiyaa akka hin deemneef akeekkachiisni imaltummaa yeroo gara garaa akeekkachiisa turan damee turiziimii Itoophiyaa akka miidhee jiru gabaafameera