Lakkofasa Ummataa fi Mana bara dhufu ni gaggeeffama jedhamee eeggamuuf mootummaan Itoophiyaa Kompitaroota harkaa amayyaa kuma 100 fi kuma 80n akka bitaman murteessuun dhaga’ameera

Lakkofsa Ummataa fi Mana bara dhufu Itoophiyaa keessatti gaggeeffamuuf kompitaroonni harkaa ammayyaa yeroo jalqabaaf tajaajila irra akka oolaan Ejeensiin Statiistikii Giddugaleessaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru
Kompitaroota harkaa ammayyaa kanniin bituuf mootummaan maallaqaa dolaara miiliyoona hedduutti lakkawamuu akka baasuu himameera. Kompitaarri tokko xiqqeenyaatti hanga dolaarii 200n akka bitamu hubachuun danda’ameera.
Lakkofsa Ummataa fi Mana kanaaf maallaqaa dolaarii miiliyoona 30 ol akka barbaachiisu Ejeensiin Statiistikii Giddugaleessaa bara darbe beeksiisee ture. Baasii kanaaf immoo gargaarsi hawaasa addunyaa akka eeggamu himamee ture
Mootummaan Kompitaroonni harkaa ammayyaa kuma 100 fi kumni 80 adeemsa bittaa irra jiru jechuu malee biyyaa fi kampaanii kamiirra akka bataman hin beeksfine jedhameera
Komishiiniin lakkofsa Ummataa fi Mana bara darbe akka hundeeffame kan yaadatamuudha. Itti-Aanaa Ministira muummee Dammaqaa Mokonniin walitti qaba Komishiinii kana ta’un bara darbe muudamaniiru.
Dr Warqiinaa Gabayyoo, Obboo Shifarraa Shugguxee, Dr Kasatabiraan Adimaasuu fi qondaltoonni mootummaa biroo miseensota Komishiinii lakkofsa Ummataa fi Mana ta’uun isaanii ni beekama.
Lakkofsa Ummataa fi mana bara 1999 gaggeeffameen lakkofsi Ummata Itoophiyaa miiliyoona 76 akka gahee gabaafamee ture.
Baankiin Misooma Addunyaa lakkofsi lammiilee biyyaatti akka lakkofsa warra faranjoota bara 2016tti miiliyoona 99.3 akka gahee beeksiisuusa odeeffannoo toora interneetii isaarra argame ni mul’isa
Lakkofsa Ummataa fi Mana bara dhufu gaggeeffamu kanaaf namoonni kumni 100 fi kumni 50 ni ramadamu jedhameera . Garuu Lakkofsi kompitaroota ni bitamu jedhaman lakkofsa humna nama ramadamuu ol akka ta’e ragaan mootummaan baasee ni mul’isa.
Lakkofsi Kompitaroota harkaa ammayyaa akka bitamaniif murta’ee kun lakkofsa nama ni ramadamu jedhaman kuma 30n maaliif caaluu akka danda’e waan beekame hin jiru.