labsii yeroo hatattamaa labsamee dayeeffachuun duulii mana diiguu jalqabameera

labsii hatattamaa labsamee dayeeffachuun magaaloota Oromiyaa naannawwa finfinneetti argaman keessatti duulii mana diiguu akka haaraatti jalqabameera. magaalaa Laga xaafootti manneen baay’ee wayita diiggamaan poolisoonni Federaalaa fi loltoonni Agaazii baay’een naannicha to’aacha olaaniiru.
yeroo labsii hatattaamaa kanatti lammileen tarkaniifii mootummaan fudhatuu kamuu mormuu waan hin dandeenyeef carraa kanatti fayyadamuun duulii mana diiguu cimee akka itti fufuuf fedhiin jiraachuu gabaasalee naannicha irra nu qaqqaban mirkanesaaniiru. laammileen manneen isaanii jala diiggamee moormii daggechisiisuurra naannichaa fagaatanii pilaastiikii walitti suphuun keessa jiraachaa jiru.
Bulchiinsi Mootummaa waayyaanee sochii mana diiguu magalootaa naannowwa Finfinneetti argamanitti akkaa dhaabee yeroo gara gara himaa turuus waggota laman darban qofa lammilee kumaa dhibbaa tokko ol ta’an jala mana diigeera.