labsi yeroo hatattamaa sarbamuu mirga namoomaatiif gumaachaa akka jiru dhaabbanni Human right Watch Beeksiise

Labsiin yeroo hatattamaa mootummaan Itoophiyaa labse sarbamuu mirga namoomaatiif gumaacha dabalataa gumaachaa akka jiru dhaabbanni Human right Waach Beeksiseera.
Yeroo ammaas sababa labsii kanaatiin namoonni baay’een hidhamaa akka jiran dhaabbatichi beeksiseera.
Mootummaan namoota kuma 20 ol hiriira mormii waan bahaniif hidhe keessaa namoota gara kuma 10nitti dhiyaatan gadhiisuun oduu gaarii akka ta’e dhaabbatichi beeksiiseera.

Gaaffiin ummaataa labsiin kun akka labsamuuf sababa ta’e garuu deebii argachuu akka hin dandeenye dhaabbanni mirga namaaf falmu kun mirkaneesseera.

Namoonni ji’a tokkoo ol himaannaa malee hidhamanii akka turan kan yaadachiise dhaabbatichi,labsiin yeroo hatattamaa labsame kun ka’ee, gaaffiin uummaataa deebii akka argatu gaafateera.

Namoonni yeroo ammaa mootummaan Itoophiyaa manneen hidhaatii gadhiise kunniin jalqabumaarraa hidhamuu hin qaban jedheera.

Namoota manneen hidhaa keessatti dararaamaa turanii fi mirgi isaanii sarbame dubbisuu akka danda’e dhaabbanni Human right Watch beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa maqaa labsii yeroo hatattamaa jedhuun namoota kuma 24 giddugala loltummaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti argamanitti hidhuun dararaa jira.

Shamarreen waggaa 16 maqaan ishee inni sirrii akka hin waamamneef maqaan Iftuu jedhamu kennameef Human right Watchitti akka himtetti, mormii uummata Harargee wajjin walqabatee abbaan ishee humnoota mootummaan jalaa ajjeefamaniiru.

Kana malees obboleewwan ishee lama loltoota mootummaatiin qabaman gara giddu gala leenjii loltummaa Xollayitti erga geeffamanii booda hanga ammaa haala maalii irra akka jiran beekuu akka hin dandeenye dubbate.

Bifuma walfakkatuun hoggantoonni Paartii Kongraasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa , obbo Baqqalaa Garbaa fi hidhamtoonni siyaasaa biroon rakkoo walfakkaataa keessa akka jiran dhaabbanni Human right Watch beeksiseera.