Kuwaataar Itoophiyaa fi Sudaan gargaarun walitti dhufeenya Ijipt wajjiin qabdu kan hammeessu jedhameera.

Kuwaataar yeroo dhihoo asi Itoophiyaa fi Sudaniif xiyyeeffannaa addaa kennuun walitti dhifeenya dippilomaasii akkasumas deeggarsa diinagdee cimsaa akka jirtu himameera.

Mootummaan Kuwaataarii fi Abbootiin qabeenya biyyaatti shororkeessoota maallaqaan gargaaruu fi eyyama jireenyaa laati jechun Saawud Arabiyaa dabalatee biyyoonni Arbaa giddugala bahaa hariiroo biyyaatti wajjin qaban addan kutaniiru.
Saawud Arabiyaa, Ijipt,Yemaan fi Kuweet biyyoota giddugalaa bahaa walitti dhufeenya dippilomaasii fi kan biroo Kuwaataar wajjiin qaban gutumaan gutuutti akka addaan kutan kan yaadatamudha.
Tarkaniiffii biyyoonni Arabaa giddugalaa bahaa walitti dhufeenya dippolomaasii Kuwaataar wajjiin qaban adda kutuu kun rakkoo siyaasa fi diinagdee uumeera.
Mootummaan Kuwaataat ijipt haalo bahuuf bifa fakkatuun walitti dhufeenya garlamee Itoophiyaa fi Sudaniif wajjiin qabu cimsuun, rakkoon siyaasa biyyoota Arabaa gara biyyoota Bahaa Afriikaatti ce’aa akka jiru kan mul’isu jedhameera.
Itoophiyaa, Sudaan fi Ijipt dhimma hidha haaromsa laga Abbaayyaa irratti ijaaramu ilaalchisee yeroo adda addaa mari’ataniis waliigaltee quubsaarra gahuu hin dandeenye.
Biyyoonni Sadeen gabaasa ka’uumsaa gareen bilisaa miidhaan hidha haaromsa biyyoota sulula laga Naayeel gara gadii keessa jiraatan irran gahuu ilaalachise qorateeerratti waliigaluu akka hin dandeenye himameera.
Marii kana booda Ministira Muummee Hayilamariyaam Dassaalany qondaltoota olaanoo hoggananuun daawwannaa hojiif gara Kuwaataaritti imalaniiru.
Obboo Haayilamaariyaam Emiira Kuwaataar Sheek Tamiim Bin Hamaad Al Taanii waliin walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf erga mari’atanii booda waliigaltee adda addaa wajjiin mallatteessaniiru.
Ijipt marii Ministira muummee Hayilamariyaam Dassalaany fi Emiira Kuwaataar Sheek Tamiim Bin Hamaad Al Taanii ija shakkiin ilaala jirti.
Mootummaan Kuwaataar gargaarsa diinagdee akkasumas ijaarsa hidha haaromsa Itoophiyaa maallaqaan deeggaruuf murteessuu maddeen oduu tokko tokko gabaasa jiru.
Oduun mootummaan Kuwaataar hidha haaromsaa Itoophiyaa maallaqaan deeggaruuf jedhuuf ragaa qabatamaan kan hin argamne ta’uus, Ijipti garuu hariiro biyyoota kan miidhu jechun akeekkachiste jirti
Kuwaataar Hidha haaromsa Itoophiyaa kan deeggartu bu’aa siyaasa olaanoo Ijipt irratti gonfachuuf malee guddinaa diinagdee Itoophiyaaf yaaduun akka hin taane xinxaltoonni siyaasa himaniiru.
Bifuma walfakkatuun Ministirri Ittisa Kuwaataar Kaalid Biin Al Mohammaad Alitiyaa gita isaanii kan Itoophiyaa obboo Siraaj Fageessaa wajjiin haala raayyaa ittisaa biyyaa Itoophiyaa cimsuun danda’amu irratti mari’ataniiru.
Bifuma walfakkatuun Pirezedantiin Sudaan Al-Bashiir Ministiira Faayinansii Kuwaataar Alii Shariif Al-Imadii fi Sudaniitti Ambasaddaara biyyaatti Rashiid Bin Humaayid Al-Nuhaam yeroo walfakkatuuttu simachuun wajjiin mari’ataniiru.
Mootummaan Kuwaataar walitti dhufeenya gar- lamee Itoophiyaa fi Sudaan wajjiin qabu deeggarsa maallaqaan baay’ee qalbii namaa hawwatuun cimsuun harka lafa jalaan Ijipt haalo bahaa akka jiru himameera.
Mootummaan ijipt gamasatiin, hariiroon Kuwaataar biyyoota laman wajjiin jalqabde rakkoo siyaasa duraan jiru ittuu hammeessuu akka danda’u akeekkachiisa jirti.