Kuusaan maallaqa liqii Itoophiyaa yeroo kamuu caalaa dabalaa waan dhufeef Gorsitoota Diinagdee Ministira Muumee yaaddeessaa akka jiru himameera.

Maallaqni liqii baay’inaan maqaa hojiilee misooma gara garaatiin mootummaa chaayinaa irra argame dhala guddaa waan qabuuf dhaloonni biyyaatti kami kaffalee akka xumuru tilmaamuun hin danda’amu jedhame.
Itoophiyaan maallaqa dolaarii biiliyoona tokko gurgurtaa boondiin Awurooppaa irraa liqeeffate qofaf dhala dhibbeentaa 6.6 kaffalaa akka jirtu gaazexxaan Forchuun keessa beektoota wabeeffachuun gabaaseera.
Maallaqni dolaaraa biiliyoona hedduu Sawuud Arabiyaan dhala malee Itoophiyaaf liqeesite baay’ee akka ta’e gaazexxaan kun gabaaseera
Kuusaan Maallaqa liqaa baay’achuun qondaltoota mootummaa hogganaa baankii biyyaaleessa obboo Taklawald Axinaafuu, Ministiira Maallaqaa fi Walta’iinsa diinagdee Doktoor Abrahaam Takastaa, Komishinaarii Pilaanii Biyyooleessa Obboo Yinagaar Dasee fi Gorsaa Ministiira Muummee Obboo Mokonnoon Maanyaazawaal yaaddeessaa akka jiru gabaafameera
Qondaltoonni Kuusaan liqii baay’ee ta’uu fi yeroo gara yerootti dabalaa akka dhufe gamagamuusaanii himameera
Akkaata gamagama kanan liqiin galii biyyooleessa giddugala gochuun bara 1990 ture wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu dhibbeenta 100 oliin akka dabale hubachusaanii gabaafameera.
Bara darbe qofa maallaqni biyyaattin liqeeffate dhibbeentaa 30n dabaleera.
Mootummaan Itoophiyaa maallaqni liqiin argame kun ijaarsa bu’uuralee misoomaaf adda addaaf akka oole hadubbatu malee, Maallaqni malanmaltummaan hatamee hin dubbatamaa.